Baatii sagal darban hojiiwwan dippilomaasii faayidaa Itiyoophiyaa kabachiisan hojjetamaniiru-ministeera dhimma alaa - ENA Afaan Oromoo
Baatii sagal darban hojiiwwan dippilomaasii faayidaa Itiyoophiyaa kabachiisan hojjetamaniiru-ministeera dhimma alaa

Ebla 09/2017(TOI)- Baatii sagal bara bajataa 2017tti hojiiwwan dippilomaasii faayidaa Itiyoophiyaa kabachiisan hojjetamuu ministeerri dhimma alaa beeksise.
Dubbi himaan ministeera dhimma alaa ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo, hojiilee dippilomaasii ijoo baatii darban hojjetaman ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennaniiru.
Ibsa kennaniin baatii sagal darban hojiileen dippilomaasii faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa kabachiisan hojjetamuu ibsaniiru.
Dippilomaasiin Itiyoophiyaa ollaaf dursa akka kennu ibsanii, hojiiwwan walitti hidhata biyyoota ollaa cimsan hojjetamuu ibsaniiru.
Hojiileen hariiroo gamlamee faayidaa waloorratti cimsan hojjetamuu ibsaniiru.
Yaa’iin hooggantoota gamtaa Afriikaa baatii Guraandhalaa adeemsifame raajeffannaan ilaalamee akka ture himaniiru.
Hariiroon ummayttootaanis hojiin gaariin hojjetamuu ibsanii, fakkeenyaaf carraan barnootaa olaanaa 968 mijachuusaa eeraniiru.
Waliigalteewwan biyyoota garaagaraa waliin taasifaman ilaalchisuun waliigalteewwan 11 mana mareef dhihaatanii ragga’uusaanii dubbataniiru.
Riifoormiin dinagdee gooroo Itiyoophiyaan hojiirra oolchite dandeettii dippilomaasii dinagdee guddisuun dandeettiin dhiibbaa uumuuf dandeessu guddachuu ibsaniiru.
Hojii dippilomaasii lammiirratti xiyyeeffateen lammiileen haala rakkisaa keessa turan kuma 92 ol biyyatti deebifamuu eeraniiru.