Manni marichaa labsiiwwan lama raggaase - ENA Afaan Oromoo
Manni marichaa labsiiwwan lama raggaase

Ebla 09/2017 (TOI)-Manni maree bakka bu’oota ummataa walgahii idilee 25ffaa bara hojii waggaa afraffaa har’a taaleen wixinee labsii lama raggaaseera.
Manni marichaa jalqaba wixinee labsii, labsii miidiyaalee fooyyessuuf bahe iaaleera.
Walitti qabaan koree dhaabbataa dhimmoota demokiraasii obbo Iwunatuu Allenee wixinee labsichaa ilaalchisuun gabaasaa fi yaada murtoo dhiheessaniiru.
Manni marichaas marii wixinee labsichaarratti erga mari’atee booda wixinee labsichaa labsii lakk. 1374/2017 gochuun sagalee caalmaan raggaaseera.
Itti aansuun wixinee labsii mana maree olaanaa sululawwanii bulchiinsa qabeenya bishaanii qindaa’aa raawwachiisu ilaalchisuun walitti qabduun koreen dhaabbataa bishaan, jallisii fi naannawoota gammoojjii fi misooma naannawaa adde Fatiyaa Ahimad gabaasaa fi yaada murtoo dhiheessaniiru.
Manni maree wixinee labsii dhihaaterratti erga mari’atee booda wixinee labsichaa lakk. Labsii 1375/2017 gochuun sagalee guutuun raggaasuusaa odeeffannoon mana marichaa nimul’isa.