Bara baajatichaa baatiiwwan 9 darbanitti gama Tajaajila Haqaan jijiiramoonni argamaniiru -Ministeera Haqaa - ENA Afaan Oromoo
Bara baajatichaa baatiiwwan 9 darbanitti gama Tajaajila Haqaan jijiiramoonni argamaniiru -Ministeera Haqaa

Ebla 09/2017 (TOI)- Bara bajataA 2017 Baatiiwwan saglan darbanitti gama haqaan kallattii adda addaan hojiiwwan bu’aa qabeessa tahan hojjetamuu Ministeerri Haqaa Beeksise.
Ministeera Haqaatti Gaggeessitoonni Olaanoo fi giddugaleessaa,akkasumas hojjettoonni raawwii karoora hojii baatii sagalii irratti marii gaggeessaniiru.
Maricha irratti waajjira paartii badhaanitti, Ittigaafatamaa kutaa Ijaarsa Aadaa Dimokiraasii fi Miseensi Mana Maree Paartii Badhaadhinaa Obbo Mallasaa Alamuu argamaniiru.
MinistIrri Haqaa Haannaa Ari’ayasillaasee gabaasa rawwii hojii dhiyeessaniiru.
Gabaasichi kan irratti Xiyyeeffate haala Dinagdee Idil Addunyaa fi Itiyoophiyaa, dinagdee gooroo fi Riifoormii, Bu’uuraalee Misoomaa fi Hojiiwwan Pirojektii, Misooma fulla’aa hirmaachisummaa hawaasaa fi birmadummaa hunda galeessa, Nageenyaan ,Dippilomaasii fi hojiiwwan deeggarsaa fi kallattiiwwan xiyyeeffannoo fuulduraa barbaadan irratti marii’ataniiru.
Raawii gurguddoo Mootummaan Baatiiwwan Saglan darbanitti raawwataman keessaa hojiiwwan gama Haqaan hojjetaman ibsamaniiru.
Gama Kanaan Ministeerichi Olaantummaa Seeraa fi Heera Mootummaa, akkasumas seera yakkaa kabachiisuuf, seeronni akka raawwataman , kenna Tajaajila Mootumaa fi sivilsarvisiin hojiiwwan hojjetaman dhihataniru.
Gama Kanaan hojiiwwan bu’a qabeessi hojjetamuus ibsameera.
Mariisaaniin dhimmoota fuulduratti xiyyeeffannoo barbaadan irratti kallattiin taa’uu odeeffannoon ministeericha irraa argame ni’agarsiisa.