Itiyoophiyaan yaa’ii P4G shanaffaa akka keessummeessitu filatamte

Ebla 09/2017 (TOI)- Itiyoophiyaan yaa’ii P4G shanaffaa akka keessummeessitu minisirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan.

Yaa’iin Hanooy xiqqaa ta’anis pirojektoonni P4G haalaan kan qindaa’an bu’aa gaarii akka argamsiisanii fi guddisuufis humna guddaa kan qaban ta’uusaanii agarsiisuu isaa ministirri muummee ergaa fuula marsariitii isaaniirrastti barreessaniin ibsaniiru.

Yaa’ii P4G shanaffaa bara 2027 gaggeeffamukeessummeessuuf  guca fudhachuunshee naboonseera jedhan.

Carraa kana ciminaa fi kutannoon qabachuun dhaala qophii milkaa’aa Veeyitinaam, Kolombiyaa, Deenmaark, fi kooriyaa Rippaabiliikitti mul’ate itti fufsiifna jechuun dubbataniiru.

Yaa’ichi qajeeltoowwan P4G tumsa, kalaqa, hammattummaa fi gocha jedhaniin qajeelfamee akka adeemsifamu himaniiru.

Yaa’iin Itiyoophiyaan bara 2027 qopheessitu misooma industirii magariisaa, qonna jijjiirama haala qilleensaa damdamatu akkasumas dargaggootaa fi barbaachisummaa dubartoota ga’oomsuun cehumsa magariisaaf raawwachiiftota murteessoo gochuu irratti xiyyeeffatee niqophaa’a jedhan ergaa dabarsaniin.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015