Riifroormiin dinagdee gooroo dandeettiin dippilomaasiin dinagdee Itiyoophiyaa akka dabalu taasiseera- Ministeera dhimma alaa - ENA Afaan Oromoo
Riifroormiin dinagdee gooroo dandeettiin dippilomaasiin dinagdee Itiyoophiyaa akka dabalu taasiseera- Ministeera dhimma alaa

Ebla 09/2017(TOI)-Riifoormiin dinagdee gooroo Itiyoophiyaan hojiirra oolchite dandeettiin dippilomaasii dinagdeeshee fi dhiibbaa uumuu dandeessu akka dabalu taasisuusaa ministeerri dhimma alaa beeksise.
Itiyoophiyaan baatii sagal darbe dippilomaasii milkaa’aa faayidaa biyyaalesaa kabachiisan raawwachiinshee ibsameera.
Dubbi himaan ministeera dhimma alaa ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo hojiilee dippilomaasii ijoo baatii sagal hojjetaman ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennaniiru.
Ibsa taasisaniin, Itiyoophiyaan biyyoota ollaaf dursa kennuun hojiilee riijinichatti walitti hidhata cimsan raawwatteetti jedhan.
Hojiileen hariiroo alaa fi dippilomaasii fayyadama waloorratti bu’ureffatan gamlamee cimsan hojjetamuu ibsaniiru.
Hirmaattonni yaa’ii hooggantoota gamtaa Afriikaa 38ffaa fi walgahiin mana maree hojii raawwachiiftotaa 46ffaan dinqisiifatanii akka ture yaadachiisaniiru.
Gama dippilomaasii lammiirratti xiyyeeffateen hojii gaariin hojjetamuun alatti lammiilee 968’f carraan barnoota tolaa mijaa’uusaas ibsaniiru.
Dippilomasii gamlameetiin waliigalteewwan 11 biyyoota garagaraa waliin mallatteeffamanii mana maree bakka bu’oota ummataaf dhihaataniinraggaasifamuu dubbataniiru.
Riifoormiin dinagdee gooroo guutuun Adoolessa bara 2016 irraa eegalee hojiirra oole dandeettii dippilomaasii fi dhiibbaa uumuu danda’uu biyyattii akka dabalu taasisuu ibsaniiru.
Dippilomaasii dinagdee ilaalchisee Invastimantii kallattii alaa fooyyessuuf karaa misiyoonotaa carraaleen Invastimantii Itiyoophiyaan qabdu 143 beeksisuun akka danda’ame dubbataniru.
Haala Kanaan kaampaaniiwwan 533 Itiyoophiyaa dhufuun Invasti gochuun dura daawwannaa gochuusaanii ibsuun, oomishaalee Itiyoophyaa waltajjiiwwan daldalli ittiin beeksifamu 88 irratti hirmaachuun walitti hidhanni gabaa 98 uumamuu ibsaniiru.
Dippilomaasii lammii jiddugala godhateen lammiileen kuma 92 caalan kan rakkoo hamaa keessa turan biyyatti akka deebi’an taasifamuu eeraniiru.
Lammiilee Itiyoophiyaa yeroo ammaa Maayinaamaaritti rakkoo hamaa keessa jiran 700 ta’an biyyatti deebisuuf carraaqqiin taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.
Lammiileen Itiyoophiyaa 130 caalan dhiheenya Maayinaamaar irraa biyyatti deebi’uu ibsanii, guyyoota 10 dhufan Itiyoophiyaanonni 200 biyyatti deebisuuf hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.