Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti daarektara olaanaa waajjira tajaajila pirojektii Joorji Morii’eraa Daa Silvaa waliin mari’atan.

Ebla 09/2017(TOI)- Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti daarektara olaanaa waajjira tajaajila pirojektii Joorji Morii’eraa Daa Silvaa waliin mari’atan.

Dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti waajjirri tajaajila pirojektii (UNOPS) bittaa garagaraa mootummaan Itiyoophiyaa raawwatu ilaalchisee hojii gabbisa dandeettii akka hojjetu Pirezidaant Taayyee Atsqasillaaseen gaafataniiru.

Waajjirichi pirojektoota garagaraa Afriikaa keessatti raawwaturratti Itiyoophiyaanota meeshaa dhiheessan akka hirmaachisuu fi waajjira Itiyoophiyaa keessaa qabu akka babal’isus gaafachuunsaanii ibsameera.

Dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti daarektarri olaanaa waajjira tajaajila pirojektii Joorji Morii’eraa Daa Silvaa gamasaaniin, Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee waliin walgahii bu’a qabeessa taasisuu isaanii dubbataniiru.

Waajjirichi hariiroo Itiyoophiyaa waliin qabu caalaatti jabeessuu akka barbaadu eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015