Ministeerri fayyaa konkolaattota garagaraa naannoleef kenne

Ebla 09/2017(TOI)-Ministeerri fayyaa ambulaansotaa fi doqdoqqeewwan gmtaa Awurooppaarraa deeggarsaan argate naannoleef kenneera.

Ministeerichi ambulaansota kudha jaha, konkolaattota dirree sagal fi doqdoqqeewwan 30 naannolee Gaambeellaa, Beeniishaangul Gumuzii, Somaalee fi Affarriif kenneera.

Ministirri fayyaa Dr. Maqdas Dhaabaa, de’etaan ministiraa Dr. Ayyalee Tashoomaa, Itiyoophiyaatti itti aanaan ittigaafatamaa gamtaa Awurooppaa Daafiid Kiriifaaniik sirna wal harkaa fuudhinsaarratti argamaniiru.

Doktar Maqdas Dhaabaa wayita kana akka ibsanitti, mootummaan haqa qabeessummaa fi qaqqabummaa damee fayyaa mirkaneessuuf hojiilee hedduu hojjechaa jira.

Kunis  qaqqabamaa fi haqa qabeessummaa fayyaa gochuun bu’aa fiduusaa ibsaniiru.

Deeggarsi konkolaataa har’a taasifames sirna fayyaa cimsuun qooda guddaa akka bahu dubbataniiru.

Ministirri fayyaa Dr. Maqdas Dhaabaa furtuu konkolaattotaa hooggantoota biiroo fayyaa naannolee kanneeniif kennaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015