Ambaasaaddar Birhaanuu Tsaggaayee badhaasa meedaaliyaa biyyaalessaa Jibutii argatan

Ebla 09/2017 (TOI)-De’etaan ministira dhimma alaa ambaasaaddar Birhaanuu Tsaggaayee badhaasa meedaaliyaa biyyaalessaa Jibutii har’a fudhatan.

Ministira muummee Jibutii Abdulqaadir Kaamiil Mahaammad harkaa “meedaaliyaa naashinaalii Juun 27 Ofisar Daans” fudhachuu kootti guddaa gammadeera jedhan ambaasaaddar Birhaanuun ergaa fuula marsariitii isaaniirratti dabarsaniin.

Pirezidaantiin Jibutii Ismaa’el Omaar Geelee hariiroo dippilomaasii biyyoota michuu lamaan jidduu jiru dhawataan caalaatti akka jabaatu deeggarsa fi hordoffii akka maatiitti agarsiisaniif guddaa galateeffachuun barbaada jedhaniiru.

Jibutiin biyya kook an lammaffaati kan jedhan ambaasaaddar Birhaanuun, hariiroon Itiyoophiyaa fi Jibutii ummattoota waloorratti kan hundaa’e michooma cimaa fi ummattoota obbolummaa baroota dheeraa qabnudha jechuun ibsaniiru.

Walitti hidhanni dinagdee biyyattii riijinichaaf fakkeenya ta’e dhimmoota Ardii fi Afriikaa irratti bal’inaan akka itti fufu himaniiru.

Deeggarsa turtii isanii keessatti mootummaan Jibutii taasiseef ambaasaaddar Birhaanuun galateeffataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015