Itiyoophiyaa fi Veeyitinaam waliigaltee tumsa isaanii jabeessu taasisaniiru-Dr. Geediyoon Ximootiwoos - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaa fi Veeyitinaam waliigaltee tumsa isaanii jabeessu taasisaniiru-Dr. Geediyoon Ximootiwoos

Ebla 10/2017(TOI)- Itiyoophiyaa fi Veeyitinaam waliigaltee tumsa isaanii jabeessu taasisuu isaanii ministirri dhimma alaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos ibsan.
Hariiroon Itiyoophiyaa fi Veeyitinaam waggaa 50 guutuusaa ministirichi kaasanii, daawwannaan ministirri muummee Dr Abiyyi Ahimad Veeyitinaamitti taasisan seenaa biyya keenyaa keessatti daawwannaa bulchaa biyyaa kan jalqabaa ta’uu dubbataniiru.
Daawwannaan ministirri muummee fi jillisaanii Veeyitinaamitti taasisan milkaa’aa ta’uu eeranii, gaggeessitoonni biyyoota lamaanii marii taasisuun waliigalteewwan tumsa jasbeessan garagaraa mallatteessduusaanii eerasniiru.
Kanneen keessaa daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa Veeyitinaamitti balallii akka jalqabuu fi balallii wayita jalqabu hariiroo daldalaa biyyoota lamaanii, hariiroo ummattootaa fi walitti hidhata dinagdee nicimsa jedhaniiru.
Damee barnootaa, dinagdee, daldalaa fi Invastimantiin waliigalteewwan hariiroo cimsan taasifamuus himaniiru.
Fuulduras hariiroo biyyoota lamaanii sadarkaa olaanaan gahuuf hammattoo tumsaa attamii hordofuun akka barbaachisu waliigaltee taasisuuf mariin taasifamuu eeraniiru.
Kun wayita dhugoomu hariiroon dhaabbatumaa fi fulla’aa cimaan biyyoota lamaan fayyadamoo taasisu akka jiraatu taasisa jedhaniiru.
Itiyoophiyaan yaa’ii idil addunyaa tumsa misooma magariisaa (P4G)n bara 2027 akka keessummeessitu filatamuushee ministirichi kaasaniiru.
Waltajjiin tumsa idil addunyaa Itiyoophiyaan hojiishee humna haaromfamaa fi misooma magariisaa addunyaaf akka agarsiiftu carraa guddaa ta’uu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan humna haaromfamaa bal’inaan akka fayyadamtu himanii, maallaqa guddaa baasuun misooma humna haaromfamaa hojjechaa akka jirtu ministirichi eeraniiru.
Fuulduraaf konkolaattota elektiriikiin hojjetan qofa fayyadamuuf ejjennoo qabachuun hojjechaa akka jirtu ibsaniiru.
Waltajjii tumsa P4G akka qopheessitu filatamuunshee dhiibbaa uumuu akka dandeessuu fi dhageettiinshee dabalaa dhufuuf agarsiiftuudha jechuun ibsan.