Poolisiin federaalaa Itiyoophiyaa kutaalee hawaasaa harkaqalleeyyiif maaddii qoode

Ebla 10/2017(TOI)- Poolisiin federaalaa Itiyoophiyaa ayyaana Faasikaa sababeeffachuun kutaalee hawaasaa Finfinnee harkaqalleeyyii ta’aniif maaddii qoode.

Ajajaan qajeelcha waliigalaa ittisa yakkaa poolisii federaalaa Itiyoophiyaa ittaanaan komishinar jeneraalaa Malaakuu Fantaa,poolisiin federaalaa nageenya waaraa biyyattii mirkaneessuuf halkanii guyyaa hojjechuurra darbee hojiilee misoomaa guddina hunda galeessa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf hojjetaman keessatti qoodasaa bahaa jira.

Poolisiin nagaa fi tasgabbii biyyaa mirkaneessuurra darbee hojiilee fayyadama hawaasummaa fi dinagdee ummataa mirkaneessanirratti hirmaachaa akka jiru ibsniiru.

Guyyaa har’aas hooggantoonnii fi miseensonni poolisii federaalaa ayyaana faasikaa sababeeffachuun kutaalee hawaasaa kutaa magaalaa Araadaaf maaddii qooduu eeranii, kun ammoo duudhaa waldeeggarsaa fi walooma Itiyoophiyaa kan mul’isudha jedhan.

Hojii raawwachiisaan olaanaa kutaa magaalaa Araadaa obbo Geetahun Abarraa gamasaaniin, deeggarsa poolisiin federaalaa kutaalee hawaasaa galii xiqqaan bulanii fi harka qalleeyyiif taasiseef galateeffataniiru.

Sagantaan maaddii qooduu waloomaa fi walii yaaduu Itiyoophiyaanotaa kan mul’isuu fi kan gabbisu akka ta’e dubbataniiru.

#Oromiyaa

#Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa

#TOI

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015