Daawwannaan Muummichi Ministiraa dhageettii, Itiyoophiyaan Sadarkaa Idil Addunyaatti  qabdu kan guddise dha-Ambaasaddar Dasee Daalkee

Ebla 10/2017 (TOI)- Daawwannaan Veeytinaam Muummichi Ministiraa Dr. Abiy Ahimad, dhageetii Itiyoophiyaa Sadarkaa Idil Addunyaatti  kan guddisee fi Hariiroo kan uumee  tahuu Ripaabiliik Kooriyaatti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Dasee Daalkee ibsan.

 Ripaabiliika kooriyaatti  Ambaasaaddar Dasee Daalkee  daawwannaa Muumicha Ministiraa Dr.Abiy Ahimad ilaalchisee ibsa kennaniiru. 

Ibsa isaaniin, Itiyoophiyaa fi Veeytinaam gidduutti Hariiroon Dippiloomasii Idilee kan eegalame  bara 1976 tahuu ibsaniiru.

Veeytinaam akkuma Itiyoophiyaa hariiroo qajeeltoo irratti hundaa’e  biyya hordoftu tahuu  ibsuun, jijjiirama qilleensaa fi dhimmoota naannoo irratti  ejjennoo  wal fakkaataa qabaachuu isanii himaniiru.

Muummichi  Ministiraa  fi Jilli isaanii  turtii Veeytinaamiitiin hoggantoota biyyoota garaagaraa waliin  marii gaggeessuu isaanii ibsanii, marii isaaniin dhimmoota gar-lamee   fi  Idil Addunyaa irratti waliin hojjechuuf carraa kan bane tahuu  eeraniiru.

Itiyoophiyaa fi veeytinaam  dhimmoota Idi Adunyaa fi  hariiroo  gam-lamee irratti tumsaan waliin hojjechuuf kan isaan dandeessisu  irratti marii taassisuu isanii ibsaniiru.

Itiyoophiyaan Afriikaa irratti, Veeytinaam immoo Eeshiyaatti Dinagdee guddaa biyyoota uumaa jiran  tahuu isaanii  ibsuun, kunis biyyoonni lameen muuxannoo akka waliif qoodan kan isaan taassisu tahuu ibsaniiru.

  Veeytinaam  Industirii Omishaan Huccuu, Gogaa fi bu’aawwan gogaa, akkasumas, kuduraa fi muduraa  gabaa  biyya Alaatiif kan dhiheessitu tahuu muuxannoo kan walirraa qooddachuu danda’anidha jedhaniiru.

Veeytinaam Misooma Bunaan Addunyaa irraatii sadarkaa lammaffaa Itiyoophiyaan immo Sadarkaa  Sadaffaa  tahuu isanii  ibsuun,  muuxannoo wal-jijjiiruuf  walii galteerra gahuusaanii ibsaniiru.

Waliigalticha irratti  Ministironni  dhimma Alaa tarreeffama  adeemsa raawwii isaanii qama hordofu moggaasuuf mariiyachuu isanii Ambasadar Daseen  ibsaniiru.

Veeytinaam fi Itiyoophiyaan  gara Afriikaa fi Eeshiyaatti  seensa balbalaa fi riqicha cehumsaa tahanii akka tajaajilan ibsuun , kunis  faayidaa biyyoota lamaanii irra  kan  darbu tahuu  dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015