Daangaa qilleensaa biyya keenyaa aggaammii kamirrayyuu tiksaa hojii seena haaromsuu eegalle itti fufna-Letenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa - ENA Afaan Oromoo
Daangaa qilleensaa biyya keenyaa aggaammii kamirrayyuu tiksaa hojii seena haaromsuu eegalle itti fufna-Letenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa

Ebla 10/2017(TOI)-Daangaa qilleensaa biyya keenyaa aggaammii kamirrayyuu tiksaa hojii seena haaromsuu eegalle itti fufna jedhan ajajaan humna qilleensaa RDFI Letenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa ibsan.
Letenaal Jeneraal Yilma Mardaasaa Xiyyaara perezidaantiin Itiyoophiyaa duraanii Mangistuu Haayilemariyam ittiin deemaa tura, Xiyyaara DHC-5 Buffaloo jedhamtu, waggaa 37 ol tajaajilaa ala taatee turte, Suphuu fi haaressuun, Injiinarootaa fi teeknishaanota hojii eegalsiisan galateeffataniiru
Xiyyaarichi suphaa guutuun taassifameefii, teeknoolojiin ammayyaa kan maxxanneef tahuu mirkaneessuu isaanii fi yaalii deddeebanii taasisaniin mirkaneessuun gara humna kaniitti akka makamu tassifamuusaatti gammaduu isaanii ibsuu odeeffannoon raayyaa ittisa biyyaarraa argame ni’agarsiisa.
Ajajichi, dargaggoonni dhaabbaticha keessaa Qorannoo kan gaggeesanii fi hojii dinqisiisaa kan hojjetan akka jiran kan itti arginedha jechuun dubbataniiru.
Hidhannnoo raayya ittisa biyyaa kan omishan tattaaffii taassifamaa jiruun bu’aan gaariin argamaa jiraachuu ibsuun , humni qilleensaa guddichi qaama kanaa tahuu ibsanii pirojektoota adda addaa bocuun socho’aa jiraachuu mirkaneessaniiru.
“Biyya jabduuf Humna Qilleensaa jabaa” yaada jedhuun humna qilleensaa Ijaarame, daangaa Qilleensaa biyya keenyaa eeguu irra darbee, seenaa haaressaa fi hojiiwwan yeroo waliin deeman raawwachaa humna biyyaa cimaa tahuu ibsaniiru.
Teeknishaanota Humna Qilleensaan suphaa fi fooyya’insa taassifameefii xiyyaarri DHC-5 Buffaloo perizedaantiin Itiyoophiyaa duraanii yeroo biyyaatii baqatan hanga keeniyaatti ittiin baqatan tahuun ishee seenaa qabeessa taassisa jechuun odeeffannoon fuula miidiyaa hawaasaa raayyaa ittisa biyyaa irraa argame ni’argisiisa.