Bulchiinsi magaalichaa kutaalee hawaasaa jireenya gadi aanaa jiraataniif maaddii qoode

Ebla 10/2017 (TOI)-Bulchiinsi magaalaa Adaamaa ayyaana faasikaa sababeeffachuun kutaalee hawaasaa harka qalleeyyii kuma 2 ta’aniif maaddii qoode.

 Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Adaamaa obbo Hayiluu Jaldee wayita kana akka jedhanitti, ayyaana faasikaa wayita kabajnu aadaa waldeeggarsaa fi walgargaarsaa gabbisuufillee ta’uu qaba.

Bulchiinsichi jiraattota magaalichaa harka qalleeyyiif warra qaban qixa ayyaanicha akka kabajan maaddii qoodeera jedhaniiru.

Maaddii qooduun aadaan walgargaarsaa fi waldeeggarsaa ummanni qabu kan gabbisu ta’uu dubbataniiru.

Adde birqee Adaanee qaama miidhamtuu ta’uusaanii ibsanii, ayyaanicha ijoolleessaanii waliin gammachuun akka dabarsan deeggarsa bulchiinsici taasiseef galateeffataniiru.

Obbo Haajii Adam gamasaaniin, “bulchiinsichi ayyaana sababeeffachuun deeggarsa nuuf taasiseef nigalateeffanna” jedhaniiru.

Nuti qaama miidhamii fi harka qalleeyyiidha, deeggarsa arganneen ijoollee keenya waliin gammachuun dabarsina” jedhaniiru.

Deeggarsi taasifame lukkuu, buuphaa, zayita, daakuu fi boqqoolloo akka ta’e ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015