Maaddii qooduu Aadaa godhachuun harkaqalleeyyota deeggaruun nibarbaachisa-Ministira muummee Dr.Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Maaddii qooduu Aadaa godhachuun harkaqalleeyyota deeggaruun nibarbaachisa-Ministira muummee Dr.Abiyyi Ahimad

Ebla 10/2017(TOI)- Maaddii qooduu Aadaa godhachuun harkaqalleeyyota deeggaruun akka barbaachisu Ministirri muummee Dr.Abiyyi Ahimad hubachiisan.
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ayyaana Du’aa ka’uu sababeeffachuun hojjettoota waajjira ministira muummee fi da’imman waajjirichi guddisuuf maaddii qoodaniiru.
Ministirri muummee wayita kana hojjettoota waajjira ministira muummee hojjetan galii xiqqaan kan jiraataniif waggaatti ayyaanota Iid, du’aa ka’uu fi jijjiirrama bara haaraaf sagantaan maaddii qooduu akka adeemsifamu dubbataniiru.
Maaddii qooduun akka salphaatti waan hinfudhatamneef aadaa gochuun itti fufsiisuun nibarbaachisa jedhaniiru.
Namoonni gola harka qalleeyyotaa mil’achuuf dadhban akka jiran hubachuun akka barbaachisus hubachiisaniiru.
Harka qalleeyyonni ammuma ayyaanni waggaa dhufu daa’ima keenyaaf maal hiixanna jechuun yaadda’u, dureeyyonni ammoo soorata gombisu kan jedhan ministirri muummee kana sirreessuutu barbaachisa jedhaniiru.
Kanaaf hambaa gombisuurra waliif yaaduun, waldeeggaruu fi waliif qooduun jiraachuun aadaa akka ta’u tattaafachuun akka barbaachisu hubachiisaniiru.
Itiyoophiyaan of hindadhabdu kan jedhan ministirri muummee, kanneen qaban harka qalleeyyiif qooduun nyaata guyyaa guuttachuun akka danda’amu dubbataniiru.
Ijoollee nyaata qooduurratti argamaniif ergaa dabarsaniin, Itiyoophiyaan keessan abdi qabeettiidha, Itiyoophiyaa badhaate nidhaaltu jedhaniiru.
Gaarummaa fi hiyyeeyyii deeggaruu, maaddii qooduu yaadaa yemmuu guddattan barri keessan kan keenyarra kan fooyya’e nita’a jedhan.
Namoota harka qalleeyyii waajjira ministira muummeetti yaadachaa guyyaa kana waloomaan akka kabajnu kan gootan hundaaf galatan dhiheessa jedhaniiru.