Perezedaantichi Namoota Harka Qa’eeyyii 200f Maaddii Qoodan - ENA Afaan Oromoo
Perezedaantichi Namoota Harka Qa’eeyyii 200f Maaddii Qoodan

Ebla 10 (TOI)-Pirezadaantiin Naannoo Sidaamaa Dastaa Leedaamoo Ayyaana Faasikaa sababeeffachuun namoota harka qal’eeyyii 200f har’a maaddii qoodan.
Sagantaa maaddii qoodinsaan tumaalessa hoolaa fi re’ee qalmaaf tahu dabalatee wantoota nyaataaf oolan biroo kennaniiru.
Saganticha irratti, pirezedaantichi Haasaa taassisaniin, naannichatti bakkeewwan adda addaatti Ayyaana faassikaa sababeeffachuun, jiraattonni naannichaa ayyanicha gammachuun akka dabarsaniif sagantan maaddii qooduu raawwatamaa jira jedhaniiru.
Kan qabu isa hinqabneef qooduun aadaa ture tahuu ibsuun, keessattuu jijiiramaa asitti, Aadaan kun caalmaatti akka jabaatu hojii qindaa’aa hojjetameen harka qal’eeyyiif maaddii qooduun ayyaana waliin dabarsuun hojjetamaa jirachuu kasaniiru.
Mootummaan Nannichaas lammiileen Ayyaanicha waliin kabajuu fi aadaa waldeeggaruu akka cimsan deeggarsa gochuu ibsaniiru.
Gargaaramuurra addabaasuuf mootummaan naannichaa paakeejii badhaadhina Maatii bocuun hawaasichi qabeenya akka horatuu fi namoota biroof akka gahuuf jalqabbiin jiru bu’aa abdachiisaa fiduu ibsuun, Kunis akka jabaatuuf hunduu tattaafachuu qaba jedhaniiru.
Namoota deeggarsi taassifameef keessaa obbo Abrahaam Balguu ayyaanicha gammadanii akka dabarsaniif deeggarsa taassifameefiitti gammaduu isaanii ibsaniiru.
Aadde kaasech caalaa gama isaanin, deeggarsa taassifameef galateeffataniiru.