Itiyoophiyaa fi Kibba Sudaan tumsa gamlamee caalaatti cimsuuf waliigalan - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaa fi Kibba Sudaan tumsa gamlamee caalaatti cimsuuf waliigalan

Ebla 10/2017(TOI)-Itiyoophiyaa fi Kibba Sudaan tumsa gamlamee caalaatti cimsuun haala danda’amurratti waliigalaniiru.
Ministirri dhimma alaa Dr.Geediyoon Ximootiwoos ministira dhimma alaa fi tumsa idil addunyaa kibba Sudaan haaraa Mandaay Samayaa Kumbaa waliin dhimmoota gamlamee fi riijinii garagaraa irratti mari’ataniiru.
Dr. Geediyoon Ximootiwoos marii kanarratti, ambaasaaddar Mandaayaa Samaayaa Kumbaa ministira dhimma alaa fi tumsa idil addunyaa kibba Sudaan ta’uun muudamauusaaniif bga gammaddan jedhaniiru.
Itti fufuunis walitti hidhata Itiyoophiyaa fi Sudaan Kibbaa jidduu jiru caalaa jabeessuuf ministira haaraa waliin hojjechuuf kutannoo qaban ibsaniiru.
Ambaasaaddar Mandaayaa Samaayaa Kumbaa gamasaaniin, hariiroo siyaasaa fi dinagdee cimaa biyyoota lamaan jidduu jiru sadarkaa olaanaatti ceesisuuf fedhii qaban himaniiru.
Ministiroonni lamaan barbaachisummaa nagaa fi tasgabbii riijinichaa mirkaneessuu irratti kan mari’atan yoo ta’u, kaayyoo kana galmaan gahuuf walitti dhiheenyaan hojjechuuf waliigaluusaanii odeeffannoon ministeera dhimma alaarraa argame nimul’isas.