Poolisiin meeshaalee seeraan alaa shakkamtoota 146 waliin to’achuu beeksise

Ebla 13/2017(TOI)- Poolisiin federaalaa Itiyoophiyaa baatii sagal bara bajataa 2017 meeshaalee  waraanaa hedduu shakkamtoota 146 waliin to’achuu beeksiseera.

Oppireeshinii deddeebisii meeshaa waraanaa dhaabsisuuf taasifameen, manneen jireenyaa  keessaa meeshaalee waraanaa 121,  kuma 8 fi 989 humnoota farreen nageenyaa harkaa fi meeshaalee waraanaa 36 keellaatti to’achuusaa beeksiseera.

Dabalataanis Rasaasa meeshaalee garagaraa kuma 6 fi 351 manneen jireenyaa keessaa, kuma 8 fi 989 farreen nageenyaa harkaa, kuma 51 fi 846 keeellaarratti akka qabaman odeeffannoon poolisii federaalaa nimul’isa.

Akkasumas baattoon rasaasaa garagaraa 236 manneen jireenyaa fi 148 keellaarratti qabamuun eerameera.

Haala wal fakkaatuun Bireeniin 1 farreen nageenyaa harkaa, Bireeniin 2 keellaarratti, kan qabame yoo ta’u, Boombiin garagaraa 31 manneen jireenyaa, boombiiwwan 25 humnoota farreen ummataa harkaa, Boombiiwwan 122 keellaarratti qabamuu poolisiin beeksiseera.

Shugguxiiwwan garagaraa 32 manneen jireenyaa, shuguxiiwwan 128 humnoota farreen ummataa, 102 keellaarratti qabamuu poolisiin eereera.

Snaayippariin 1 mana jireenyaa akkasumas snaayippariin 1 humnoota farreen ummataa harkatti qabuusaa fi shakkamtoonni 146 to’atamuu himeera.

Hawaasni meeshaa seeraan ala deddeebifamu yoo argu appilikeeshinii hirmaannaa lammiilee (EFPApp)  fi toora bilbilaa bilisaa 991 irratti eeruukennuun dirqama lammummaa akka bahu waamicha dhiheesseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015