Federeeshiniin Ispoortii Aadaa Itiyoophiyaa fi Yuunvarsiitiin Kotobee Waliin Hojjechuuf walii galtee Mallatteessan. - ENA Afaan Oromoo
Federeeshiniin Ispoortii Aadaa Itiyoophiyaa fi Yuunvarsiitiin Kotobee Waliin Hojjechuuf walii galtee Mallatteessan.

Ebla13/2017(TOI) - Federeeshiniin Ispoortii Aadaa Itiyoophiyaa fi Yuunvarsiitiin Kotobee waliin hojjechuuf walii galtee Mallatteessaniiru.
Waliigalticha Pirezidantiin Federeeshinii Ispoortii Aadaa Hiywot Mahammadii fi Itti Aanaan Pirezedantii Yuunversiitii Kotobee Dr. Feqedee Tuulii mallatteessaniiru.
Walii galtichi Ispoortii Aadaa irratti Qorannoo fi Qo’annoo, dandeettii gahumsa ogummaa ogeessotaa fi barnootaan waliin hojjechuu kan isaan dandeessisu tahuu ibsaniiru.
Pirezedantiin Federeeshinii Ispoortii Aadaa Hiywot Mahammad saganticha irrattti akka dubbatanitti, walii galtichi Ispoortii Aadaa biyyattii keessa jiran Qorachuuni fi guddisuuf, akkasumas Hawaasa biratti akka baratamu gochuuf tahuu ibsaniiru.
Akkasumas, Ispoortiiwwan Aadaa Qorachuun Sadarkaa Idil Addunyaatti beeksisuu fi babal’isuuf kan kaayyefate tahuu ibsaniiru.
Itti Aanaan Pirezedantii Yuunvarsiitii Kotobee Dr.Feqedee Tuulii gama isaaniin , Yuunversiitichi kallattiiwaan adda addaan beekumsaa fi dandeettiin barsiisotaa fi gaggeessitoota barnootaa horachaa jiraachuu dubbataniiru.
Ispoortiiwwan Aadaa biyyattii guddisuuf waliigaltichi murteessaa tahuu ibsuun , Yuunversiitichi kan isarraa eegamu akka raawwatu dubbateera.