Daawwannaan ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad Veeyitinaamitti taasisasn hariiroo biyyoota lamaanii kan cimsuu fi muudannoon kan irraa argamedha - ENA Afaan Oromoo
Daawwannaan ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad Veeyitinaamitti taasisasn hariiroo biyyoota lamaanii kan cimsuu fi muudannoon kan irraa argamedha

Ebla 13/2017(TOI)- Daawwannaan ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad Veeyitinaamitti taasisasn hariiroo biyyoota lamaanii kan cimsuu fi muudannoon kan irraa argame ta’uu hooggantuun pirees sekiretaiyaatii waajjira ministira muummee Billanee Siyyum ibsan.
Hooggantuun pirees sekiretaiyaatii waajjira ministira muummee Billanee Siyyum daawwannaa ministirri muummee torbee darbe Veeyitinaamitti taasisan ilaalchisuun ibsa kennaniiru.
Ibsa Kanaan ministirri muummee turtii Veeyitinaamitti taasisdaniin hooggantoota olaanoo biyyattii garagaraa waliin mari’achuusaanii beeksisaniiru.
Biyyoota lamaan jidduutti dameelee garagaraan tumsa cimsuuf mari’achuusaanii ibsaniiru.
Ministirri muummee Veeyitinaam Faam Miin Chiin ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad masaraasaaniitti የsimachuun mari’achuusaanii kaasaniiru.
Viyeetinaam kan beekamtu Invastimantii hawachuun akka ta’e eeranii damee dinagdee, Industirii, qonnaa fi kanneen biroon biyyattiirraa muuxannoon argamuu ibsaniiru.
Marii hooggantoota olaanoo biyyatti waliin taasifameen haala mijataa Itiyoophiyaa keessa jirutti fayyadamuun hariiroo caalu akka barbaadan dubbachuusaanii eeraniiru.
Itiyoophiyaan gama humna haaromfamuun carraaqqii adda duree gootuu fi Afriikaatti kun calaqqisuu akka qabu ibsuusaanii hooggantuun kun ibsaniiru.
Imala Itiyoophiyaan nyaataan ofdanda’uuf taasiftu veeyitinaamirraa muuxannoon argamuu, dameelee qonnaa, Industirii fi kanneen biroon muuxannoo hedduu kan itti fudhatte akka ture ibsaniiru.
Dabalataanis dureeyyiin Veeyitinaam Filmaatota Invastimantii mijataa Itiyoophiyaan qabdu irratti akka hirmaattu marii gamlamee taasisuusaanii ibsaniiru.