Ispoortii Aadaa Itiyoophiyaa guddisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira- Federeeshinicha. - ENA Afaan Oromoo
Ispoortii Aadaa Itiyoophiyaa guddisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira- Federeeshinicha.

Ebla 13/2017 (TOI)- Federeeshiniin Ispoortii Aadaa Itiyoophiyaa Ispoortiiwwan aadaa guddisuuf qoodafudhattoota waliin xiyyeeffanoon hojjechaa jiraachuu pirezedaantiin Federeeshinichaa Hiywot Mahammed ibsaniiru.
Federeeshiniin Ispoortii Aadaa Itiyoophiyaa fi Yuunvarsiiti Kotobee waliin hojjechuuf har’a waliigaltee mallatteessaniiru.
Waliigalticha pirezedantii Federeeshiniin Ispoortii Aadaa Itiyoophiyaa Hiywot Mahaammadii fi yuunvarsiitii Barnootaa Kotobeetti, IttiAanaa Pirezedantii Dr, Faqqadaa Tuulii Mallatteessaniiru.
Waliigaltichi Ispoortii aadaa irratti Qorannoo fi qo’annoo gaggeessuuf, Akkasumas, leenjii gahumsa ogummaa ogeessotaa kennuu irratti waliin hojjechuuf kan isaan dandeessisu ta’uu Eeraniiru.
Pirezidaantiin Federeeshiniin Ispoortii Aadaa Itiyoophiyaa Hiywot Mahamed akka ibsanitti, Ispoortii aadaa guddisuuf qooda fudhattoota waliin hojjechaa jirra jedhaniiru.
Waliigalteen gam-lamee Yuunversiitii Kotobee waliin taassifame , Ispoortiiwwan Aadaa hedduu qorachuu fi guddisuuf, akkasumas uummata biratti hojiirra oolchuuf kan dandeessisudha jedhaniiru.
Itti Aanaa Pirezedantii Yuunversiitii Kotobee Dr.Faqqadaa Tuulii gama isaniin, hoggansii fi barsiisoni gahumsa qaban jiraachuu ibsuun, waliigaltichi, Ispoortii aadaa biyyattii guddisuuf murteessaa tahuu ibsuun yuunvarsiitichi gaheesaa akka bahu mirkaneesseera.