Waldaan Kaatolikii Itiyoophiyaa Du’aan Boqochuu Phaaphaasii Phaaphaasotaa Firaansiskootti gadduushee ibsite - ENA Afaan Oromoo
Waldaan Kaatolikii Itiyoophiyaa Du’aan Boqochuu Phaaphaasii Phaaphaasotaa Firaansiskootti gadduushee ibsite

Waldaan kaatolikii Itiyoophiyaa Phaaphaasii Phaaphaasotaa Firansiskoo umuriisaanii waggaa 88ffaatti Addunyaa kanaa irraa du’aan boqochuu isanii fi waldaan isaaniis gaddi itti dhagahamuu ibsateetti.
Waldittiin odeeffannoo toora miidiyaa hawaasaa isheen ibsa gaddaa dabarsiteen, Waldaan Kaatoolikii Itiyoophiyaa gumiin Phaaphaasotaa, oduu gaddisiisaa dhageenyeen, qulqulluu ri’iise liiqaane Phaaphaasatii Firaansiskoon addunyaa kana irraa du’aan boqochuu isaaniin gaddi itti dhagahamuu ibsiteetti.
Kanaanis Katoolikoonni hundi fi namoonni fedha qabdan Abbaa keenya Qulqulluu boqonnaa barabaraatiif kadhannaatn akka yaadatan waamicha dhiheessiteetti.