Ejensichi leenjifamtoota koodarsii miiliyoona shanii marsaa lammaffaa eebbisiise - ENA Afaan Oromoo
Ejensichi leenjifamtoota koodarsii miiliyoona shanii marsaa lammaffaa eebbisiise

Ebla 14/2017(TOI)-Ejensiin galmee siviilii fi tajaajila jiraattotaa leenjifamtoota koodarsii miiliyoona shanii marsaa lammaffaa eebbisiise 127 eebbisiiseera.
De’etaan ministiraa Innoveeshinii fi teeknooloojii Dr. Yishuruun Alamaayyoo, sadarkaa itti aanaa kantiibaatti hojii gaggeessaan olaanaa magaalaa Finfinnee Injiinar Wandimmuu Seettaa fi daarektarri olaanaa ejensii galmee siviilii fi tafaajila jiraattotaa Finfinnee Yoonaas Alamaayyoo sirna eebbaarratti argamaniiru.
De’etaan ministiraa Innoveeshinii fi teeknooloojii Dr. Yishuruun Alamaayyoo wayita kana akka ibsanitti, mootummaan tajaajila dijitaalaayizii qaqqabamaa taasisuuf hojjechaa jira.
Humna namaa ogummaa teeknooloojiin ga’oome horachuun tajaajila dijitaalaayiz gochuuf murteessaa ta’uu ibsanii, sosochiin koodarsii miiliyoona shanii qooda olaanaa qaba jedhan.
Dhaabbileen kana hubachuun hojjettoonnisaanii leenjii akka fudhatan gochuurratti sochiin taasisan ajaa’iba ta’uu ibsaniiru.
Sadarkaa itti aanaa kantiibaatti hojii gaggeessaan olaanaa magaalaa Finfinnee Injiinar Wandimmuu Seettaa, bulchiinsi magaalaa Finfinnee bulchiinsa dijitaalaa diriirsaa akka jiru dubbataniiru.
Kanaaf ammoo humna namaa horachuun murteessaa waan ta’eef leenjiin koodarsii miiliyoona shanii qooda olaanaa akka qabu dubbataniiru.
Daarektarri olaanaa ejensii galmee siviilii fi tafaajila jiraattotaa Finfinnee Yoonaas Alamaayyoo dhaabbatichi tajaajila kennu ammayyaa fi qaqqabamaa taasisuuf riifoormii taasisaa akka jiru dubbataniiru.
Leenjiin koodarsii miiliyoona shanii humna namaa ga’oome horachuuf filatamaa waan ta’eef hojjettoonni ejensichaa leenji’aa jiru jedhaniiru.
Ebbifamtoota keessaa Wandimmaagany Habtaamuu fi Geetinnat Yittaayawu leenjichi beekumsa teeknooloojii garagaraa gabbifachuuf akka isaan dandeessise eeranii, kun ammoo tajaajila si’ataa gochuuf nugargaara jedhaniiru.