Guyyoota 10 dhufan naannawoota qonna Arfaasaa raawwatanitti haalli meetirooloojii itti fufu-Inistiitiyuuticha - ENA Afaan Oromoo
Guyyoota 10 dhufan naannawoota qonna Arfaasaa raawwatanitti haalli meetirooloojii itti fufu-Inistiitiyuuticha

Ebla 14/2017(TOI)- Guyyoota 10 dhufan naannawoota qonna Arfaasaa raawwatan hedduutti haalli meetirooloojii itti fufu Inistiitiyuutiin mitiwoorooloojii Itiyoophiyaa beeksise.
Inistiitiyuutichi ibsa TOI’f ergeen naannawoonni kibbaa, kibba lixaa, lixaa, bahaa akkasumas riifti vaalii bokkaa ni’argatu.
Naannawoonni biyyattii kibbaa fi kibba lixaa rooba jiddugaleessaa akka argatan inistiitiyuutichi raageera.
Naannawoota Arfaasaa qotaman dabalatee, kibba lixaa fi lixa akkasumas lixa Kaaba biyyattii rooba xiqqaa amma jiddugaleessaatti akka argatan injistiitiyuutichi ibseera.
Rooba darbee darbee cimurraa ka’uun kibba, kibba bahaa fi kibba lixaa biyyattiitti sa’aatii 24 keessatti roobni cimaan miilii meetirii 30 ol akka argatan raagamuu beeksiseera.
Humna aduu Epiriil guyyoota sadan kurnaniitti jiruun walqabatee keessumaa Gaambeellaa, Affaar, Somaalee, Beeniishaangul Gumuzii fi lixa amaaraatti hoo’inni olaanaan kn guyyaa digirii seelshiyeesii 35 akkasumas bakkeewwan muraasatti digirii seelshiyeesii 40 ol akka ta’u odeeffannoon raaga inistiitiyuutichaa nimul’isa.