Magaalittiitti Ayyaanota fi cidha Sababeeffachuun muddama tiraafikaa kan uuman fi konkolaachistoonni  jeeqan  gocha isaanii  irraaof-qusachuu qabu – poolisii

Ebla 14/2017 (TOI)- Magaalaa Finfinneetti Ayyanotaa fi cidha sababeeffachuun daandii  tiraafikaa kan jeeqanii fi konklaachistoonni  Daandii cufan gocha isaanii irraa akka of qusatan Poolisiin Magaalaa Finfinnee akeekkachiise.

Hawaasni Magaalichaa ergaawwan of eeggannoo darban hojiirra oolchuun magaalichati  yakki xiqqaachaa dhufuu ibsaniiru.

 Komishinii poolisii Magaala Finfinneetti Daarektarri sab-quunnamtii komaandar Maarqoos Taaddasaa TOI’f akka ibsanitti, Magaalichatti Ayyaanni du’aa ka’uu karaa nagaan kabajamee ooleera.

Yakkoota sasalphaa waliindhahuu fi hannaan alatti,  ayyaanicha sababeeffachuun yakkoonni  gurguddoon kan hin raawwatamne tahuu hubachiisaniiru.

Kanaafis, hawaasichi ergaawwan qaamolee nageenyaa irratii darban sirnaan hojiirra oolchuun tahuu ibsuun, Ayyaanotaa fi cidha sababeeffachuun konkolaachistoonni tokko tokko haalli ittifayyadama daandii seera kan hin hordofne  ta’uu komaandarichi ibsuun, gochasaanii kana irraa akka of qusatan akeekkachiisaniiru.

Baatiiwwan cidhaa dhufan hordofuun, magaalichatti  muddama tiraafikaa  hin barbaachisne  konkolaachistoonni uuman gocha isaanii irraa of qusachuu akka qaban akeekkachiisaniiru. 

Haala Magaalittii hin madaalleen daandii kan cufanii fi muddama tiraafikaa konkolaachistoota  uuman irratti tarkaanfii kan fudhatu tahuu ibsaniiru.

  Ayyaana du’aa ka’uu Sababeeffachuun namoota dhuganii konkolaachisan to’achuu fi balaa  tiraafikaa hir’isuuf  to’annaan cimaan gaggeffamaa  turuu ibsuun,  hanga Alkoolii eeyyamamee olitti, kan dhugan konkolaachistoonni  33 adabamuu isaniis ibsaniiru.

Fuuldurattis dhuganii konkolaachisuu ittisuuf to’annoon taassifamu  cimee kan itti fufu tahuu ibsuun, konkolaachistoonni  gocha akkasii irraa akka of qusatan dhaamaniiru.

Nageenya Magaalattii  haala Amansiisaa taheen eeguuf poolisiin hawaasa waliin dhiheenyaan hojjechaa jiraachuu ibsuun,  hawaasni deeggarsa isaa caalaatti akka cimsu   waamicha dhiheessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015