Manni maree waloo Paartiilee Morkattootaa Naannoo Affaar keessa socho’an hojii raawwachiiftuu haaraa filatan - ENA Afaan Oromoo
Manni maree waloo Paartiilee Morkattootaa Naannoo Affaar keessa socho’an hojii raawwachiiftuu haaraa filatan

Ebla 14/2017 (TOI)- Paartileen siyaasaa morkattoota Naannoo Affar keessa socho’an yaa’ii mana maree hara’a gaggeessaniin hojii raawwachiiftota haaraa filataniiru.
Manni marichaa yaa’ii gaggeesse irratti waltajicha kan saaqan, Itti Gaafatamaa Paartii Badhaadhinaa Damee Affaar obbo Mahammed Husseen akka jedhanitti, paartiileen morkattootaa waliin mariiyachuu fi waliin hojjechuun biyyattiin sochii dimokiraatawaa tassiftuuf murteessaa tahuu ibsaniiru.
Kanaanis sochiiwwan biyyaalessaa fi naannoo taassifaman irratti gahee isaanii bahuu akka qaban ibsaniiru.
Yaa’ichi raawwii hojii irratti erga mariiyatee booda, hojii raawwachiiftota mana maree gaggeessan filateera.
Bu’uuruma Kanaan paartii bilisa baasaa Afar iraa obbo Hanfiree Aliimiiraa walitti qabaa, Paartii Tokkummaa Abiyootawii Dimokiraasii Affar irraa obbo Mahammad Awwal wagriis , Itti Aanaa Walitti Qabaa, paartii sochii dimokiraasii saba Argobbaa irraa obbo Bakiir Mahaammad barreessa tahuun filatamaniiru.
Manni maree waloo miseensummaan Paartii Badhaadhinaa , paartii ummata Affar, adda tokkummaa dimokiratawaa warraaqsa Affar, paartii Adda Bilisa Baasa Affaar, dhaabbata dimokiraasii ummata Argobbaa, sochii demokiraatawaa sablammii Argobbaa, Paartii demokiraatawaa Haqa ummata Affar kan of keessatti hammate tahuu ibsaniiru.
Miseensonni hojii raawwachiisaa mana maree waloo paartiilee siyaasa federaalaa Aadde Hindiyyaa Shiree ,Obbo Mahaammed Aydihiinaa, fi Usmaa’el Xahaa saganticharratti argamaniiru.