Guyyoota itti aananitti naannawoota daangaa Itiyoophiyaa, Sudaan, fi Sudaan Kibbaatti qilleensi ho'aan ni eegama - ENA Afaan Oromoo
Guyyoota itti aananitti naannawoota daangaa Itiyoophiyaa, Sudaan, fi Sudaan Kibbaatti qilleensi ho'aan ni eegama

Ebla 14/2017 (TOI)- Giddu-galli odeeffannoo haala qilleensaa Baha Afrikaa guyyoota itti aananitti naannawoota daangaa Itiyoophiyaa, Sudaan fi Sudaan Kibbaatti, akkasumas kaaba baha Keeniyaatti ho’i idilee ol akka galmaa’u beeksise.
Akka odeeffannoon raaga qilleensaa ‘ICPAC’ ibsutti, guyyoota saddeet dhufan keessatti naannoolee Sudaan fi Itiyoophiyaa hedduu keessattuu naannoo Affaar keessatti ho’i ol’aanaan ni galmaa’a jedhamee eegama.
Sudaan Kibbaa fi Eertiraa, akkasumas naannawoota kaaba, dhihaa, fi baha Itiyoophiyaa keessatti ho’i giddu galeessaa hanga ol’aanaa ni mudata.
Jibuutii, Somaaliyaa, Yugaandaa, Keeniyaa fi Taanzaaniyaa keessatti ho’i giddu galeessaa hanga ol’aanaa galmaa’uu akka danda’u odeeffannoon raga qilleensaa ni mul’isa.
Eertiraa, Jibuutii, Taanzaaniyaa, Itiyoophiyaa, Yugaandaa, dhiha Keeniyaa, akkasumas giddu-galeessa fi kaaba Somaaliyaa keessatti ho'i idilee ol ta'a jedhamee eegama.
Roobni xiqqaan kutaalee dhiha Itiyoophiyaa, Ruwaandaa, Burundii, kaabaa fi kibba Taanzaaniyaa, dhiha Yugaandaa, fi naannoo qarqara galaanaa Keeniyaattis ni eegama.
Tajaajilli Odeeffannoo Haala Qilleensaa Baha Afrikaa (ICPAC) haala qilleensaa fi taateewwan haala qilleensaa kanaan walqabatan biroo raaguun xiinxaluu, akkasumas ergaa akeekkachiisa dursaa waliif qooduun beekama.