Manni marichaa oolmaa har’aatiin ajandaawwan garagaraa irratti nimari’ata - ENA Afaan Oromoo
Manni marichaa oolmaa har’aatiin ajandaawwan garagaraa irratti nimari’ata

Ebla 15/2017 (TOI)-Qorannoon raawwii hojii baatii sagalii bara bajataa 2017 mana maree bulchiinsa naannoo Hararii har’as itti fufeera.
Dhaabbileen sektara misooma hawaasummaa naannichaa hojiilee gurguddoo baatii sagal darban raawwatan gabaasaa jiru.
Hojiilee humna namaa fi sektara bulchiinsa gaarii ilaalchisuun manni marichaa gabaasa dhihaatus nidhaggeeffata.
Dhimmoota gabaafaman ilaalchisuun manni marichaa akka mari’atu odeeffannoon biiroo komunikeeshinii naannichaarraa argame nimul’isa.