Pirojektiin bishaan dhugaatii qulqulluu Aanaa Kurmuk keessatti ijaarame gaaffii keenya yeroo dheeraa deebiseera-jiraattota aanichaa - ENA Afaan Oromoo
Pirojektiin bishaan dhugaatii qulqulluu Aanaa Kurmuk keessatti ijaarame gaaffii keenya yeroo dheeraa deebiseera-jiraattota aanichaa

Ebla 15/2017 (TOI)-Proojaktiin bishaan dhugaatii qulqulluu godina Benishaangul Gumuz Aanaa Kurmuk keessatti ijaarame gaaffii yeroo dheeraaf deebii nuuf kenne jedhan jiraattonni aanichaa.
Aanichatti birrii miiliyoona 299 oliin kan ijaarame pirojektiin bishaan dhugaatii qulqulluu kun guyyaa kaleessaa bakka hoggantoonni olaanoo federaalaa fi naannoo argamanitti eebbifamee tajaajila eegaleera.
Pirojektiin kun jiraattota gandoota aanichaa jaha fayyadamoo akka taasisus ibsameera.
Jiraattonni aanichaa akka jedhanitti pirojektiin bishaanii kun gaaffii misoomaa yeroo dheeraaf qaban deebiseeraaf.
Jiraattota aanichaa keessaa Obbo Abdulbaasix Hamed yeroo darbe bishaan argachuuf karaa dheeraa deemuun dirqama ta'uu himan.
Amma baajata ol’aanaa mootummaa naannoo fi federaalaan asitti bishaan argachuu keenyatti baay’ee gammanneerra jedhan.
Obbo Abdulbasix itti dabaluudhaan, mootummaan gaaffii hawaasaa yeroo gabaabaa keessatti deebii kennuudhaan kutannoo agarsiise dinqisiifataniiru.
Jiraattuun aanichaa kan biraa Aadde Asuura Belaa kanaan dura bishaan lagaa fayyadamaa turuu isaanii fi mana isaaniitti dhihoo bishaan dhugaatii qulqulluu qabaachuun carraa guddaa ta'uu himan.
Itti dabaluunis, pirojektiin bishaanii kun tajaajila yeroo dheeraa akka tajaajilu of eeggannoo barbaachisu gochuuf qophii ta’uu ibsaniiru.
Obbo Areshiid Issaa pirojektiin bishaan dhugaatii qulqulluu kun yeroo, keessattuu darabee eeguun yeroo qisasamu ni qusata jedhan.
Kanaaf mootummaa guddaa galateeffanna jedhan.
Sirna eebbaa kanarratti kan argaman Bulchaan Godina Beenishaangul Gumuz obbo Ashadli Hassan hawaasni aanichaa miira abbummaatiin pirojekticha tiksuu qaba jedhaniiru.
Pirojektichi bakka Ministirri Bishaanii fi Inarjii Dr. Injinar Habtaamuu Itafaa dabalatee qondaaltonni olaanoo ministeerichaa argamanitti eebbifameera.