Bara Baajatichaa baatiiwwan saglan darbanitti lammiileen kuma 359 ol tahan fayyadamoo carraa hojii biyya alaa ta’aniiru- Ministira Mufariyaat Kaamil - ENA Afaan Oromoo
Bara Baajatichaa baatiiwwan saglan darbanitti lammiileen kuma 359 ol tahan fayyadamoo carraa hojii biyya alaa ta’aniiru- Ministira Mufariyaat Kaamil

Ebla 15/2017 (TOI)- Bara baajataa 2017 baatiiwwan sagalan darbanitti lammiileen kuma 359 ol tahan carraa hojii biyya Alaa fayyadamoo tahuu isaanii Ministirri hojii fi ogummaa Mufariyaat Kaamil ibsaniiru.
Raawwiin hojii bobbii carraa hojii biyya alaa gamaggamameera.
Gorsaan damee Dinagdee Gooroo Muummicha Ministiraa Ambasaaddar Girmaa Birruu fi qoodafudhattooni biroon gamaggamicha irratti argamaniiru.
Dhiheessii humna nama leenji’ee, fedhii gabaa fi kenninsa tajaajilaan hojiiwwan hojjetaman irratti mariin gaggeeffameera.
Ministirri hojii fi ogummaa Mufariyaat Kamiil bara bajatichaatti batiiwwan saglan darbanitti lammiileen kuma 359 fi 291 ta’an fayyadamoo carraa hojii biyya alaa tahuu dandahuu isaanii Odeeffannoo Miidiyaa Hawaasaa isaniin dabarsaniin ibsaniiru.
Fedhii gabaa jiru waliin rakkoowwan dhiheessii fi qulqullinaa furuun bu’aasaa dabaluu fi fayyadamummaa lammiilee dabaluuf waldeeggaruuf walii galteerra gahuu ibsaniiru.
Gama Kanaan dhaabbilee Mootummaa fi Mit-mootummaan leenjiin kennamu fedhii gabaa kan furuuf fi fedhii fi dhiheessii wal madaalsisuu kan dandeessisu tahuu mirkaneessuun, hudhaawwan jiran furuu fi haala Mijataa uumuun kallattiiwwan xiyyeefannoo fuulduraa tahuu ibsaniiru.
Mirgaa, nageenyaa fi fayyadamummaa lammiilee hojiin mirkaneessuu, akkasumas ,Al-seerummaa ittisuu fi seeraa fi heera kabajuun jabaatee itti fufa jedhaniiru ministirichi . Qamoleen qooda fudhattootaa sadarkaa sadarkaan jiranii fi hojii raawwachiistonni tumsa walii galaa akka godhan waamicha dhiheessaniiru,.