Naannoo Sidaamaa Waltajjii qorannoo Raawwii Karoora Ji'oota Sagal Magaalaa Hawaasaatti Gaggeeffamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Sidaamaa Waltajjii qorannoo Raawwii Karoora Ji'oota Sagal Magaalaa Hawaasaatti Gaggeeffamaa jira

Ebla 15/2017 (TOI)-Waltajjiin raawwii karoora Mootummaa Naannoo Sidaamaa ji’oota sagalii qoratu Bakka Bulchaan Naannichaa Obbo Dastaa Leedamoo argamanitti Magaalaa Hawaasaatti gaggeeffamaa jira.
Waltajjicharratti Bulchaan Naannichaa obbo Dastaa Leedamoo bu’aa ji’oota sagal darban keessatti damee hawaasummaa, diinagdee fi siyaasaatiin argame eegsisuuf kan hojjatamu ta’uu ibsaniiru.
Waltajjiin kun bu’aa fi kallattii dameewwan kanneeniin galma ga’an irratti ejjennoo waloo uumuu fi gara fuulduraatti bu’aa fooyya’aa argachuuf kaka’umsa uumuuf kan akeeke ta’uus eeraniiru.
Waltajjicharratti dhimmoota akka dhiyeessii galteewwan oomishaa fi oomishtummaa qonnaa guddisuuf gargaaran, misooma jallisii fi bunaa, akkasumas misooma oomishaalee akka galtee industirii ta’anii itti fayyadaman irratti gad fageenyaan ni mari’ata jedhaniiru.
Bu’uuraalee misoomaa babal’isuu, galii dabaluu, dargaggootaaf carraa hojii uumuu, pirojektoota misoomaa adda addaa hawaasa fayyadamoo taasisu irratti akka mari’atamus ibsaniiru.
Waltajjicharratti raawwiin hojii ijoo naannichaa ji’oota sagal darban mootummaan hojjete irratti xiyyeeffatee dhihaatanii akka mari’atamu beekameera.