Hojiileen fayyadamummaan dubartootaa hunda galeessa mirkaneessuuf hojjetaman cimanii itti fufu - Ministira Dr. Ergoogee Tasfaayee

Ebla 15/2017 (TOI)-Ministirri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dr. Ergoogee Tasfaayee  hojiileen fayyadamummaa hunda galeessa dubartootaa mirkaneessuuf hojjetaman cimanii  itti fufu jedhaniiru.

Ministirri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dr. Ergoogee Tasfaayee  TOI’tti akka himanitti, fayyadamummaa diinagdee lammiilee mirkaneessuuf hojjetamaa jira.

Fayyadamummaa dubartootaa mirkaneessuuf Waldaa misoomaatiinakka gurmaa’an tattaaffiin taasifamaa akka jiru ibsanii  kunis jaarmiyaa rakkoo furuu waan ta’eef cimsuufis hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Gamtaan Misooma Dubartootaa misooma qonnaa fi diinagdee qofa osoo hin taane, nagaa fi nageenyaa fi sirna fayyaa fooyyessuu irratti hojjechaa akka jiru ibsaniiru.

Misooma fi badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuuf hojiin gamtaa Misooma Dubartootaan hojjetamaa jiru cimee itti fufa jedhaniiru.

Itti Aantuun Hoggantuun Biiroo Dubartoota, Daa’immanii fi dhimma Hawaasummaa Naannoo Tigraayi obbo Alemat Amaaree akka jedhanitti gareewwan misooma dubartootaa gurmeessuu fi carraa hojii uumuun hirmaannaa fi fayyadamummaa dubartootaa mirkaneessuuf hojjetamaa jira.

Biiroo Dubartoota, Daa’immanii fi dhimma Hawaasummaa Dirree Dawaatti hooggantuun Damee Dubartootaa, Angoomsuu fi Koorniyaa obbo Firee Xibabuu  akka jedhanitti, dubartoota deebi’aniif leenjii kennuu fi carraa hojii akka argatan tattaaffiin taasifamaa jira.

Itti Aantuun Hoggantuun Biiroo Dubartoota, Daa’immanii fi Hawaasummaa Naannoo Amaaraa Zinaa Geetaachoos hirmaannaa fi fayyadamummaa dubartootaa mirkaneessuuf tattaaffiin taasifamaa jira jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015