Godina Jimmaatti Bunni tooniin kuma 57 ol gabaa giddugalaaf dhihaateera - ENA Afaan Oromoo
Godina Jimmaatti Bunni tooniin kuma 57 ol gabaa giddugalaaf dhihaateera

Ebla 15/2017 (TOI)- Godina Jimmaatti bunni toonin kuma 57 fi 480 gabaa giddugalaaf dhihaachuu waajjirri Daldalaa Godinichaa beeksise.
Itti gaafatamaan waajjirichaa obbo Xaahir Abduu TOItiif akka ibsanitti, Godinichatti bara kana Buna toonii kuma 68 fi 170 gabaa giddugalaaf dhiheessuuf karoorfamee hojjetamaa jira jedhaniiru.
Hanga ammaattis Bunni tooniin kuma 57 fi 480 gabaaf dhihaachuu ibsuun omisha bunaa dhihaate keessaa tooniin kuma 29 fi120 kan dhiqamee fi tooniin kuma 28 fi 360 immoo kan hin dhiqamne tahuu dubataniiru.
Adeemsi Omisha bunaa gara giddugala gabaatti dhiheessuu itti fufee jira jedhaniiru.
Hanga ammaatti gara gabaa giddugalessaatti kan dhihaate haala karooraan dhibbentaa 84 ol raawwatamuu kan ibsan obbo Xaahir, Baatiiwwan itti aananitti, karooricha galmaan gahuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Godinichatti bara kana buna qulqullina isaa eeggate kan dhiqamee fi kan hin dhiqamne qopheessuun gabaaf dhiheessuu ilaalchisee buufata buna asheeta kuma 368 fi 102 buna goge kan falfalu industiriiwwan babal’achuusaa obbo Xaahir beeksisaniiru.