Nageenyi tasgabbaa’aan godina Wallagaa Lixaa milkaa’ina misooma qonnaaf carraa gaarii uumeera - ENA Afaan Oromoo
Nageenyi tasgabbaa’aan godina Wallagaa Lixaa milkaa’ina misooma qonnaaf carraa gaarii uumeera

Ebla15/2017(TOI):-Nageenyi tasgabbaa’aan godina Wallagaa Lixaa keessatti uumame yeroo sassaabbii milkii misooma qonnaaf carraa gaarii uumeera jedhan qonnaan bultoonni naannawaa.
Xaa’oon bara oomishaa 2017/18 godinicha keessatti gamanuma isaan qaqqabaa akka jiru Qonnaan bultoonni ibsaniiru.
Hojiin xaa’oo qonnaan bultootaaf yeroon akka dhiyaatu haala qindoomina qabuun hojjetamaa jiraachuu Waajjirri Qonna godinichaa beeksiseera.
Qonnaan bultoonni aanaalee godina Wallagga Lixaa adda addaa Yaada TOI’f kennaniin, nageenyi tasgabbaa’aan godinicha keessatti uumame misooma qonnaa milkeessuuf carraa gaarii uumeera.
Naannawa sanatti nageenyi cimaa fi tasgabbaa’aan diriirsuun hojiiwwan misooma qonnaa yeroon akka raawwataman taasiseera jedhan.
Godinichatti qonnaan bultuun aanaa Laaloo Assaabii Asteer Tarfaasaa , Xaaoon gamanumaa dhihaachaa waan jiruuf hojii qonnaaf mijataa ta’uu ibsaniiru.
Sirni kaffaltii xaa’oo dijiitaalaa ta’uus eeruun, sirna saffisaa, gahumsaa fi iftoomina qabu uumeera jedhan.
Qonnaan bulaan ganda Homaa jiraatu Lammeessaa Habtee akka jedhanitti, xaa’oon qonna gannaaf dhihaachaa jiru oomishaaf carraa gaarii ta’a jedhan.
Nageenyii fi tasgabbii yeroo ammaa godinicha keessa jiru qonnaan bultoonni xiyyeeffannoo isaanii guutummaatti gara qonnaatti deebisuun ibsameera.
Jiraataan aanaa Laaloo Assaabii ganda Kaalii Gammachuu Fiqruu xaa’oon qonna gannaaf isaan barbaachisu bitachuu ibsaniiru.
Haalli nagaa naannoo sanaa tasgabbaa’aa waan ta’eef, hojii qonnaa hojjechuuf akka mijatu ibsaniiru.
Godinichatti ogeessi fedhii sanyii filatamaa fi Xaa’oo walitti qabuu Aadde Baamlaak Andu’alam akka jedhanitti, xaa’oon kuntaala kuma 340 ol qonnaan bulaaf raabsamaa jira.
Xaa’oon kuntaala kuma 95 ol waqtii sassaabbii godinaalee keessatti buufata raabsaa qaqqabee, hanga ammaatti xaa’oon kuntaala kuma 47 fi 749 ol qonnaan bultootaaf raabsamuu isaa eeraniiru.
Bara oomishaa 2017/18 Godinichatti lafa heektaara kuma 416 fi 965 ol midhaan gosa adda addaatiin uwwisuun oomisha kuntaala miiliyoona 13 ol walitti qabuuf karoorfameera.