Itiyoophiyaa fi Ruusiyaan gama Fayyaatiin tumsa waliin qaban cimsanii itti fufu- Dr. Maqdas Dhaabaa - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaa fi Ruusiyaan gama Fayyaatiin tumsa waliin qaban cimsanii itti fufu- Dr. Maqdas Dhaabaa

Ebla 15/2017(TOI)-Itiyoophiyaa fi Ruusiyaan gama fayyaatiin tumsa waliin qaban cimsanii kan itti fufan ta’uu Ministirri Fayyaa Dr. Maqdas Dhaabaa ibsan.
Mootummaa Ruusiyaa Itiyoophiyaatti hojii Fayyaa Ammayyeessuuf kan dandeessisu meeshaalee Laboraatoorii socho’aa deeggarsa godheera.
Ministirri Fayyaa Dr. Maqdas Dhaabaa deeggarsicha gaggeessaa tajaajila eegumsa mirga maamiltootaa fi to’annaa nageenya namoomaa federaalaa Ruusiyaa Ruusiyaatti Mirga Eegumsa Maamiltoota Federaalaa fi Ana popoovaa harkaa fudhataniiru.
Ministirri Fayyaa Dr. Maqdas Dhaabaa wayita sana akka jedhanitti, Laabiraatooriin socho’aan kun dhukkuboota dhibbaan lakkaawwaman sakatta’uuf kan danda’u meeshaa Ammayyaa’aa ta’uu ibsaniiru.
Kunis Itiyoophiyaan dhukkuboota adda addaa sakatta’uuf humna qabdu guddisuu irra darbee, biyyoota ollaatiif tajaajila akka kennitu ishee dandeessisa jedhaniiru.
Deeggarsichi Michummaa cimaa Itiyoophiyaa fi Ruusiyaa kan agarsiisu tahuu ibsuun,
tumsi hundagaleessa biyyoota lamaanii jabaatee kan itti fufu tahuu dubbataniiru.