Qulqullina bunaa fooyyessuun bu'aa bunarraa argamu guddisuuf hojjetamaa jira-abbaa taayitichaa

Ebla 15/2017 (TOI)-Abbaan Taayitaa Bunaa fi Shaayii Itiyoophiyaa qulqullina bunaa fooyyessuu fi bu’aa bunarraa argamu hojjetamaa akka jiru beeksise.

Waltajjiin qonnaan bulaarratti xiyyeeffate kan buna ispeeshaaliitii qulqulluu qopheessuuf gargaaru irratti hubannoo uumu magaalaa Jimmaatti gaggeeffamaa jira.

Akka itti aanaan daarektara abbaa taayitichaa obbo Taagaayi Nuuruu jedhanitti galii damee kanarraa argamu guddisuufi qulqullinaa fi sadarkaa bunaa fooyyessuun fayyadama oomishtoota bunaa mirkaneessuuf hojjetamaa jira.

Qonnaan bultoota qulqullina bunaa irratti araarama hin qabne uumuuf sosochiin qulqullina bunaa gaggeeffamaa turuu eeraniiru.

Fudhatama qulqullinaa fi dhandhama bunaa mirkaneessuuf hojiiwwan oomisha bunaa hunda keessatti hojjetamuu akka qaban ibsaniiru.

Buna qulqullina qabu oomishuuf mala adda ta’e hojiirra oolchuu fi xiyyeeffannoo guddaa itti kennuun barbaachisaa ta’uu eeruun, qulqullinni gabaa keessatti gahee olaanaa akka qabu ibsaniiru.

Akka Itti Aanaa Itti Gaafatamaa Waajjira Qonnaa godina Jimmaa obbo Awwall Kealiil jedhanitti, qulqullina oomisha bunaagodinichaa fooyyessuuf hojiin hedduun hojjetamaa jira.

Bunni godinicha keessatti oomishamu qulqullina buna addaa irratti xiyyeeffachuun gabaa giddu galeessaa fi addunyaa irratti dorgomaa akka ta’uuf kallattii kaa’ameen hojiirra oolaa jiraachuu eeraniiru.

Mariin qonnaan bultoota buna oomishan, daldaltootaa fi ogeeyyii, akkasumas ogeeyyii industirii miiccaa fi falfalu hirmaachise gaggeeffamuu ibsaniiru.

Oomishtoonni fi ogeeyyiin naannoo Oromiyaa godina Jimmaa, Iluu Abaaboor fi Buunoo Beeddeellee, akkasumas naannoo Ummata Kibba Lixa Itiyoophiyaa godina Kafaa fi Beench Shakkoo irraa dhufan leenjicha irratti hirmaataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015