NaannooSomaaleetti Konfiraansiin Dargaggoota Magaala Jigjigaatti gaggeeffamaa jira.

Ebla 15/2017 (TOI)-Naannoo Somaaaleetti konfiraansiin Dargaggootaa gaggeeffamaa jira.

Pirezedantiin Naannchaa Musxefee Muhaammad, Itti gaafatamaan Biiroo Dargagoo fi Ispoortii Naannichaa Mahaamad Mahiddii, akkasumas hoggantoonni Naannoo, Godinaa fi dargaggoonni Konfiraansicha irratti argamaniiru.   

Konfiraansii guyyaa sadiif turu kanarratti dargaggoonni haala yeroo biyyaa fi fooyya’insa Barnootaan walqabatee fi kanneen biroo irratti marii akka gaggeessan ibsameera.

 Bobbii hojiin, carraa hojii uumuu, fi dargaggoota qormaatileen mudachaa jiranii fi dhimmoota biroo irratti marii’achuun yaadni furmaata kan dhihaatu ta’a.

Nagaa fi Tasgabbii Naannichaa akkasumas, hojiilee misoomaa eegalaman fulla’aa gochuuf, shoora dargaggootaa Ajandaawwan ilaallatu irratti kan marii’atamu tahuun  ibsameera. 

Dhumarrattis, marii dargaggoota naannichaa, saganticha irratti kaasan hojii daldalaa fi kalaqa haaraa, hoggantotaan ibsi akka itti kennamu sagantaa bahe irraa hubachuun danda’ameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015