Naannoo Beneshaangulgumuzi, Aanaa Baambaasiitti pirojektiin Soolaarii   Ijaarame tajaajila kennuu eegale

Ebla15/2017(TOI)–Naannoo Beeniishangul Gumuzitti Aanaa Baambaasiitti, pirojektiin humna solaarii birrii Miiliyoona 24 tuqaa 5iin  ijaarame tajaajila kennuu eegaleera.

  Bulchaan Naannoo Beeniishaangul gumuz Obbo Ashadlii Hasan Tajaajilicha egalsiisaniiru.

Bulchaan Naannichaa saganticha irratti akka ibsanitti, Pirojektichi kan ijaarame deeggarsa mootummaa Jaappaaniin ta’uu ibsuun, kunis dhiheessi bishaan dhugaatii qulqulluu hawaasichaa guddisa jedhaniiru.

Tajaajilli annisaa Soolaarii Magaala Baambisii fi  hawaasa naannooshee fayyadamaa akka taassisu dubbataniiru.

Ijaarsa pirojektichaaf birriin miliyeena 24 tuqaa 5 basii  akka ta’es ibsameera.

Saganticha irratti kan argaman Itiyoophiyaatti Ambaasaddarri Jaappaan Shebataa Heronerii  gamasaanii, humna Annisaa naannicha jiru, caalaatti babal’isuun kaampaanota gurguddoo  Jaappan gara naannichaa akka  seenaan  ibsaniiru.

Dabalataanis, Gamoon Bulchiinsa Baambaasii birrii miliyoona 22n  Ijaarsise  eebbifame tajaajilaaf banaa ta’eera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015