Biyya keenya Ijaaruu, Bareechuun,fi Qulqulleessuun cimee itti fufa-Muummicha Ministiraa – Dr.Abiyyi Ahimda - ENA Afaan Oromoo
Biyya keenya Ijaaruu, Bareechuun,fi Qulqulleessuun cimee itti fufa-Muummicha Ministiraa – Dr.Abiyyi Ahimda

Ebla 15/2017 (TOI)-Hojiin Biyya Ijaaruu, qulqulleessuu, fi miidhagsuu jabaatee kan itti fufu tahuu Muummichi Ministiraa Dr.Abiyyi Ahimad ibsan.
Muummichi Ministiraa Dr.Abiyyi Ahimad, hojii misooma kooriidaraa Kaazanchis kaleessa eebisaniiru.
Kaazanchis baatiiwwan muraasa dura bifa qabdu, haala amma jiru waliin yeroo madaalamu garaagarummaa guddaan jiraachuu eeraniiru.
Misooma kooriidaraa marsaa 2ffaan Kaazanchisiin dabalatee eegaluu ibsuun, baatiiwwan muraasa gidduutti bu’aawwan argaman kan nama boonsu ta’uu ibsaniiru.
Namoonni kaazaanchis irraa ka’anis nannicha daawwachuu ibsuun, haala duraan ture waliin yeroo madalan jijiirama guddaa tahuu ibsaniiru.
Biyyoota birootti Ammayyummaa fi jijjiiramni kan dhufan haala Kanaan ta’uu ibsuun, Magaalonni Ammayyooman magariisaa fi qulqulluu ta’uusaanii ibsaniiru.
Jiraattonni magaalichaa haala baratame keessaa baanee gara miidhagduutti cehuuf tattaaffii obsa nama fixachiisu kan gaafatu ta’uu ibsuun, biyya keenya guddisuu fi dhaloonni dhufu abdii akka qabaataniis biyya badhaate ijaaruuf gatii kaffalame ta’uu hubachiisaniiru.
Hojiin Biyya keenya ijaaruu, qulqulleessuun fi miidhagsuun; hawwii keenyaa fi waan jenne qabatamaa gochuun agrsiisuun cimee itti fufa jedhaniiru.
Kanafis, hoggansi sadarkaa sadarkaan jiru jabaatee, beekumsaa fi saffisaan hojjechuu akka qabu hubachiisaniiru.
Yeroo ammaa tattaaffiin barbaachisaa ta’uu ibsuun, tattaaffiin sadarkaa tokko yeroo geenyu kan itti aanu xiinxaluun barbaachisaa ta’uu ibsaniru.