Naannoo Amaaraatti lafa heektaara kuma 207 irra biqiltuu dhaabuuf qophiin taasifamaa jira-biiroo qonnaa naannichaa - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Amaaraatti lafa heektaara kuma 207 irra biqiltuu dhaabuuf qophiin taasifamaa jira-biiroo qonnaa naannichaa

Ebla 16/2017(TOI)- Naannoo Amaaraatti sagantaa ashaaraa magariisaa ganna dhufu adeemsifamuuf lafa miidhame heektaara kuma 207 irra biqiltuu dhaabuuf qophiin taasifamaa jiraachuu biiroon qonnaa naannichaa beeksise.
Lakkoofsa marsaa jalqabaa taasifameen biqiltuu ganna darbe naannichatti dhaabame biiliyoona 1 tuqaa 4 ol keessaa harki 85 qabateera jedhame.
Biiroo qonnaa naannichaatti daarektarri eegumsaa fi itti fayyadama misooma qabenya uumamaa obbo Ismala’alam Mihirat ibsa TOI’f kennaniin, naannichatti lafa sababa namtolchee fi uumamaan miidhame bosona gochuuf hojjetamaa jira.
Hojii amma ammaatti hojjetameen qophiin biqiltuu karaa mootummaan, dhuunfaa, waldaalee fi dhaabbileedhaan cimee itti fufuu himaniiru.
Uwwisi bosonaa naannichaa amma jiru biqiltuu dhaabamuun harka 16 tuqaa 3 irraa gara harka 17 tuqaa 3tti guddisuuf kan yaadame ta’uu ibsaniiru.