Buufanni madda anniisaa Gibe 3 baatii sagal darban sa’aatii giigaa waatii kuma 5 fi 430 ol maddisiiseera-humna elektiriikii Itiyoophiyaa

Ebla 16/2017(TOI)-Buufanni Humna Elektirikii Itiyoophiyaa Gibee 3 ji’oota sagal darban keessatti humna ibsaa sa’aatii giigawatii kuma 5 fi 430 ol maddisiisuu beeksise.

Hojii gaggeessaan oppireeshinii buufatichaa obbo Dajanee Guutaa akka ibsanitti, Buufatni Humna Bishaan Gibee 3 ji’oota sagal darban keessatti oomisha anniisaa karoorfame caalaa maddisiiseera.

Buufatni humna elektiriikaa kun bara baajataa 2017 ji’oota sagal jalqabaa keessatti humna ibsaa sa’aatii giigaa waatii kuma 5 fi 436 tuqaa 5 maddisiisuu kan danda’e yoo ta’u, anniisaa sa’aatii kuma 4 fi 725 tuqaa 56 maddisiisuuf karoorfamee ture jedhan.

Kunis sa’aatii giigaa waatii 710 tuqaa 94 ykn hanga karoorfame irraa dhibbeentaa 15 tuqaa 04, akkasumas sa’aatii giigaa waatii 189 tuqaa 65 ykn yeroo walfakkaataa bara darbee irraa dhibbeentaa 3 tuqaa 61 caala.

Bu’aa kanaaf sababoonni hojiiwwan sakatta’iinsaa fi hordoffii yeroo yeroon oomisha humna ibsaa amanamaa ta’e mirkaneessu, hojiin hojii akkaataa maanuwaalii hojii hojii hooggansa dhaabbatichaatiin mirkanaa’een kan raawwatamu ta’uu isaa, akkasumas agarsiistonni addaan ciccituu fi rakkoolee (alaarmii fi badii) yeroo hubataman battalumatti akka dhabamsiifaman ta’uu ibsaniiru.

Dhuma bara baajataa kanaatti humni ibsaa sa’aatii giigaa waatii kuma 6 fi 141 tuqaa 49 maddisiisuu fi hojiitti galchuuf karoorfamee, ji’oota sagal darban keessatti karoora waliigalaa keessaa dhibbeentaan 88 tuqaa 52 galma ga’uu isaa yaadachiisaniiru.

Obbo Dajanee Guutaa itti dabaluun kun karoora bara bajataa keessatti milkeessuuf kaa’ame galmaan ga’uuf agarsiiftuu ta’uu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015