Dhimmi ulaa galaanaa Itiyoophiyaaf madaallii kamiinuu gaaffii bu’uuraa Biyyaa fi Uummataati

Ebla 15/2017 (TOI)- Dhimmi  hulaa galaanaa Itiyoophiyaa ulaagaa kamiiniyyuu gaaffii  bu’uuraa biyyaa fi ummataarratti kan hundaa’e ta’uun ibsame.

Addunyaa irratti biyyoonni ulaa galaanaa hinqabne akka seera addunyaatti haala kennanii fudhachuun,fi filannoowwan birootiin fayyadamoo ulaa galaanaa ta’uun isaanii ni yaadatama.

 Biyyoonni Walii galtee gamlamee, riijinii fi Ardiidhaan gaggeessuun fayyadamaa ulaa galaanaa  ta’uun faayyadamummaa guddina waliinii godhan baay’eedha.

Fakkeenyaaf Afgaanistaan, paakistaan waliin, biyyi laatiin Ameerikaan, voliviya peeruu waliin walii galuun fayyadamoo  ulaa  galaanaa ta’uu danda’aniiru.

Galaana Diimaa irratii fageenya dhi’ootti kan argamtu Itiyoophiyaan ulaa galaanaa kan qabdu turte,  mudannoo seenaatiin dhihootti akka ilaaltu taateetti.

Yeroo  ammaa kana Mootummaan Itiyoophiyaan fayyadamoo ulaa galaanaa ta’uu qabdi  ejjennoo jedhuun tattaaffii dippiloomaasii itti fufee jira.

Tattaaffiin Dippiloomaasii Itiyoophiyaan gochaa jirtu fudhatama argachaaa jira.

Dhimma kana irrati TOIn kan dubbise barsiisonni Yuunvarsiitii Jiinkaa dhimmi ulaa galaanaa  Itiyoophiyaa madaallii kamiiniyyuu gaaffii bu’uuraa biyyaa fi  uummataa ta’uu kaasaniiru.

Barsiisaan dhimma  Lammummaa fi naamusaa Yuunvarsiitichaa kan ta’an Misikkir Katamaa  dhimmi balbala galaanaa waggoota dheeraaf osoo hin ka’iin turuun faayida biyyoolessaa dagateera   jechuun   kaasaniiru.

Mootummaan jijiiramaa gaaffii hulaa galaanaa kaasuun,  dantaa  biyyaaf  dhaabbachusaa  kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru.

Tattaaffii motummaan ulaa galaanaa argachuuf taassisu hundi keenya deeggaruuf  itti gaafatamummaa qabna jedhaniru.

Gaaffii uulaa galaanaa Itiyoophiyaa, Hayyoonni, Namoonni bebbeekamoon, Miidiyaan Hawaasaa namoonni dhageettii qaban dhimma kana Ajandaa godhachuu qabu jedhaniiru. 

Haaluma walfakkatuun Yuunvarsiitichatti, Barsiisaan Seenaa fi hambaa Wandimmaageny Nagaash, Itiyoophiyaan mudannaa seenaatiin ulaa galaanaa dhabuunshee hunda keenya gaabbisiiseera jedhaniiru.

Gaaffiin ulaa galaanaa gaaffii dhalootaa ta’uu kaasuun milkaa’ina deebiisaatiif hunduu gamtaan dhaabbachuun hojjechuu qabna jedhuun,  Hayyoonni, namoonni beekkamoo fi  diyaaspoorawwan gaffii keessan yeroo hundaa godhatanii hojjechuu qabu jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015