Godina Harargee Lixaatti oomishni kuntaala miiliyoona 2 caalaa Qamadii jallisii boneerraa walitti qabameera

Ebla 16/2017 (TOI)- Godina Harargee Lixaatti lafa qamadii jallisii boneen misoomerraa oomishni kuntaala miiliyoona 2 caalu walitti qabamuu waajjirri misooma qonnaa fi qabeenya uumamaa godinichaa beeksise.

Waajjirichatti ogeessi misooma midhaanii Obbo Habiib Abdulkariim TOI’tti akka himanitti, oomishni kun aanaalee godinichaa 15 lafa heektaara kuma 65 fi 413 irraayyu.

Oomishni kun kuntaala kuma 500niin kan barreengaddaa akka caalu himanii, midhaan lafa heektaara 414 irra jiru xumura baatii kanaa akka walitti qabamu eeraniiru.

Qonnaan bultoonni aanaa 15 keessa jiran kuma 240 ol misooma Qamadii jallisii bonee baranaarratti hirmaachuusaanii yaadachiisaniiru.

Qonnaan bultoonni oomisha karaa Yuuniyeeniisaanii gabaaf dhiheessanii fayyadamoo ta’uusaanii ibsaniiru.

Qonnaan bulaan aanaa Bookee ganda Bookee Hroo Duddaa Kadir Yuusuuf akka jedhanitti, oyiruu heektaara walakkaa ol qamadii jallesii boneen misoomsanii irra caalaa walitti qabuun kuntaala 16 rgachuusaanii dubbataniiru.

Jiraataan ganda kanaa kan biraan qonnaan bulaan Abdul Aziiz Mahaammad oomisha argatan gatii madaalawaatti gurguruun galtee qonnaaf oolan akka barbaadanitti bitachuuf  akka isaan gargaare dubbataniiru.

Fuulduras oomisha guddisuuf caalaa akka akka hojjetan ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015