Gaggeessitoonnii fi ogeeyyonni damee dinagdee dhaabbilee mootummaa federaalaa hojiilee kooriidaraa fi misoomaa magaalichaa daawwachaa jiru

Ebla 16/2017 (TOI)- Gaggeessitoonnii fi ogeeyyonni damee dinagdee dhaabbilee mootummaa federaalaa hojiilee kooriidaraa fi misoomaa magaalichaa daawwachaa jiru.

Daawwanicha ilaalchisee Itti Gaafatamtu Waajira Muummichaa fi Ministira  dhimma kaabinee Aadde Alamtsahaay Phaawuloos ibsa  taassisaniiru.

Ibsa isaaniin daawwanichi hoggantoonnii fi ogeessonni damee diinagdee milkaa’inota galmaa’aa jiran qabatamaan akka ilaalaniif ta’uun ibsameera.

Hojiiwwan  misoomaa hojjetamaa jiran  carraa dhaloota dhufuu  gidduugaleeffatee yaadama cehumsaan hojiirra oolaa jiraachuu  ibsaniiru.   

De’etaan Ministiraa  Aadaa fi Ispoortii  Nebiyyuu Baayyee Magalichatti hojiiwwan misoomaa koriideraa fi deebisanii misoomsuu dorgommii magalittii  sadarkaa Aaddunyatti  guddisuu irra darbee namoota  jireenya  gad aanaan jiraatan kan jijjiiredha jedhaniiru. 

Adeemsichaan Hambaawwan eeguun  hojiiwwan misooma nama irratti xiyyeeffate   hojjetamaa jiraachuu   kaasaniiru.   

Magaala Finfinneetti  itti gaafatamaa pirojektoota  koriidariin misoomani obbo  Kadir Adam   magaalittiitti hojiiwwan misoomaa hojjetaman  qinda’aa ta’uu ibsaniiru.   

Magaalichatti  qarqara  lagaa fi hojii deebisanii misoomsuu  hirmaachisaa fi hunda galeessa  ta’uun qulqulina isanii eeggatanii kan hojjetamanidha jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015