Walgahiin Mana Maree Tiraanisfoormeeshinii Qonnaa Oromiyaa Marsaa 3ffaan gaggeeffamaa jira

Ebla 16/2017)- Walgahiin Mana Maree Tiraanisfoormeeshinii Qonnaa Naannoo Oromiyaa Marsaa 3ffaan Finfinnee Waajjira Pirezidaantii Oromiyaatti gaggeeffamaa jira.

Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Walitti Qabaan Mana Marichaa Obbo Shimallis Abdiisaa, Ministeerrii qonnaa Dr. Girmaa Amantee, sadarkaa itti aanaa pirezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaatti qindeessa kilaastera  misooma baadiyaa obbo Addisu Araggaa dabaltee qaamoleen qooda fudhatoonni biroon Walgahiin kana irratti hirmaacha jiru.

Sadarkaa itti aanaa pirezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaatti qindeessa kilaastera misooma baadiyaa obbo Addisu Araggaa haasaa sirna banisa walgahicharratti taasisaniin; Jalqaba kaayyoon manni marichaa hundaa'ee haalli qabatama yeroo ammaa qonni ittiin geggeeffamu duubatti hafaa waan ta'eef oomishaa fi oomishitummaa dachaan dabaluuf haala jiru keessaa baasuun qonna ceesisuun murteessa ta'uu yaadameetu jedhaniiru.

Manni maree kun damee qonnaa ammayyeesuuf dhimmoota gargaara irratti hojii gorsaa, qindeesuu, rakkoowwan jiran adda baasuun furmaata akka argatan taasisuu hojjecha jiraachuu obbo Addisuu Araggaa himaniiru.

Haaluma kanaan hojiiwwan waggoota 4'n darban hojjetameen galmoota misooma baadiyyaa milkeesu keessatti gahee olaanaa bahachaa jiraachuu eeraniiru.

Hojii kanaan wabii nyaata mirkaneesuun eeggatummaa jalaa bahuuf hojii gama ce'umsa qonnaan hojjetameen oomishaalee kanaan dura alaa galan kanneen akka qamadii gabaa alaatti erguun jalqabamuu himaniiru.

Oomishaalee biyya alaa galan kan biyya keeessaan bakka buusuu, oomishaalee gabaa alaaf dhihaataan dachaan dabaluu irrattis hojii hojjetameen milkaa'inni olaanaan galmaa'uu ibsaniiru.

Hojii qonna ammayyeesurrattis hojjetameenis ce'umsi qonna Oromiyaa jijjirama guddaa fidaa jiraachuu himaniiru. Kanaanis Oromiyaatti lafti tiraakteraan qodamu kan kanaan duraa caalaa dachaan dabaluu himaniiru.

Hojiin qonnaa ammayyaa'aa deemuun isaa immoo hirmaannaan dargaggoonni hojii qonnaarratti qaban akka dabalu taasisuu ibsaiiru.

Walgahii mana maree tiraansfoormeeshinii qonna Oromiyaa kanaanis milkaa'inoota hanga ammaa argaman cimsuun haala danda'amuu fi galmoota hafan milkeesuuf hojii hojjetamuu qaburratti bal'inaan ni mari'atama jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015