Itiyoo Telekoom fi kaampaaniin Viizaa Ink tumsa dijitaal Faayinaansii qaban cimsuuf waliigalan - ENA Afaan Oromoo
Itiyoo Telekoom fi kaampaaniin Viizaa Ink tumsa dijitaal Faayinaansii qaban cimsuuf waliigalan

Ebla 16/2017 (TOI)- Itiyoo Telekoom fi kaampaaniin tajaajila kaardii kaffaltii Ameerikaa Viizaa Ink tumsa dijitaal Faayinaansii qaban cimsuuf akka hojjetan beeksisan.
Hojii raawwachiiftuun olaanaa Itiyoo Telekoom Fireehiywoot Taammiruu garee jilaa kaampaanii Viiza Ink Ameerikaatti itti aanaan Pirezidaantii fi gaggeessaan riijinii kibbaa fi baha Afriikaa Mikaa’el Barnariin durfamu waliin mari’ataniiru.
Qaamni lamaan tajaajiloota faayinaansii dijitaalaa idil addunyaa irratti carraalee tumsaa uumuun haala danda’amurratti mari’ataniiru.
Dhaabbileen lamaan Viizaa kaardii waaleet varchuwaalii fi Viizaa daayirakti jalqabaaf Itiyoophiyaatti Hagayya 2016 dhugoomsan akkasumas sadarkaan raawwii tajaajiloota hawaalaa idil addunyaa karaa teelee birr Remiiti kennamanii irra jiru dhihaateera.
Raawwiin onnachiisaan karaa tajaajiloota Hawaalaa galmaa’ee fi keessumaa sababa riifoormii dinagdee goorootiin carraan gabaa guddachuun ibsameera.
Riifoormiin tajaajiloota hawaalaa idil addunyaa fedhii maamiltootaarratti bu’uureffate ittifufiinsaan hojjetamaa jiraachuun kaafameera.
Teelee birriin ijaarsa dinagdee dijitaalaa hammataa fi qaqqabamaaf qooda ijoo bahaa jira jedhan.
Teelee birriin neetwoorkii idil addunyaa Viizaa waliin qindaa’uun tajaajiloota faayinaansii dijitaalaa kalaqa ofkeessaa qabu dhiheessuuf carraaleen akka jiran ibsaniiru.