Foormiin Aveeshinii Itiyoophiyaa Magaala Finfinneetti Gaggeeffamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Foormiin Aveeshinii Itiyoophiyaa Magaala Finfinneetti Gaggeeffamaa jira

Ebla 16/2017 (TOI)- Foormiin Aveeshinii Itiyoophiyaa Magaala Finfinnee Hoteela Iskaaylaayitiitti gaggeeffamaa jira.
Foramichi “akka addunyaatti aveesiniin guddatu, Afrikaa addunyaa walitti fida” Mata duree jedhuun gaggeeffamaa jira.
Ministirri Geejibaa fi loojistiksii Dr. Alamuu Simee, Ministirri Tuurizimii Salaamaawwit Kaasaa, Daarekteerri Olaanaa Sivil Aveeshinii Itiyoophiyaa Geetaachoo Mangistee, hojiigaggeessaa olaanaa daandii qilleensa Itiyoophiyaa Masfin Xaasoo fi qooda fudhattoonni biroon foramicharratti argamaniiru.
Fooramii guyyaa lamaaf turuun kanarratti daandiiwwan qilleensaa, eerpoortii fi dhiyessitoota industirii, fedhiiwwan adda addaa kan hammatu ajandaan dhihaatee mariin irrati gaggeeffama.
Fooramichi gama Aveeshiniitiin walitti makamuu Ardii Afriikaaf Loojistikii Kaargoo fi bu’uuraalee misoomaa daandii qilleensaa Itiyoophiyaa ammayyeessuuf shoora guddaa akka bahatu eerameera.