Sirni Qonnaan bultoonni oomisha isaanii qabsiisuun tajaajila liqii argatan hojiitti gale

Ebla 16/2017 (TOI)-Sirni Qonnaan bultoonni oomisha isaanii qabsiisuun tajaajila liqii argata eegalamuu Ministeerri Daldalaa fi walitti hidhata riijinii beeksise.

Ministeerichi Gamtaa Warraaqsa Magariisaa Afrikaa, Dhaabbata Faayinaansii Idil-addunyaa fi qooda fudhattoota biroo waliin ta’uun pirojaktii sirna tajaajila nagahee mana kuusaa ammayyaa cimsuuf hojii eegalsiisuu isaa beeksiseera.

De’etaan ministiraa daldalaa fi walitti hidhata riijinii Yaasmiin Wahabrabii akka jedhanitti, projaktichi sirna gabaa ammayyaa oomisha qonnaa kan fooyyessu ta’uu ibsaniiru.

Sirni kun qisaasama oomisha qonnaa kan ittisu, qulqullina akka mirkaneessu, oomishaa fi oomishtummaa kan dabalu ta’uus ibsaniiru.

Daldala al-ergii mijeessuun, oomishaalee damee industiriitiif galtee ta’uu danda’an dhiyeessuun gahumsaa fi dandeettii qonnaan bultootaa fi qooda fudhattoota biroo dandeettii qonna irratti qaban ni guddisa jedhaniiru.

Sirni tajaajila nagahee mana kuusaa qonnaan bultoonni oomisha isaanii qabsiisuun tajaajila liqii akka argatan kan taasisu ta’uu ibsuun, tajaajilli kun qonnaan bultoonni oomisha isaanii gatii fooyya’aa ta’een gabaaf akka dhiyeessan kan taasisu ta’uu ibsaniiru.

Pirojektichi waggaa lamaaf kan turu ta’uu odeeffannoon Ministeera Daldalaa fi walitti hidhata riijinii irraa argame ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015