Itiyoophiyaan walgahii ministirootaa EDTSGA irratti hirmaachaa jirti

Ebla 16/2017(TOI)- Itiyoophiyaan walgahii ministirootaa ergama deeggarsaa fi tasgabbeessuu Somaaliyaa gamtaa Afriikaa (EDTSGA) Yugaandaa Kaampaalaatti taa’ama jiru irratti hirmaachaa jirti.

Ministirri ittisaa Injiinar Ayishaa Mahaammad, mootummoota gamtoomaniitti komishiniin dinagdee Afriikaa fi gamtaa Afriikaatti ergamtuun dhaabbataa Itiyoophiyaa ambaasaaddar Hirut Zammanee akkasumas gareen jila biroon waltajjicharratti hirmaachaa akka jiran odeeffannoon embaasiin Itiyoophiyaa Kaampaalaatti argamu nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015