Waarshaan Simmintoo Lammii  Baatiiwwan Ja’an darbanitti simintoo kuntaala miliyoona 12 ol  gabaaf dhiheesse 

Ebla 16/2017 (TOI)-Waarshaan simmintoo Lammii baatiiwwan Ja’an  darbanitti Simintoo kuntaala Miliyoona 12 ol gabaaf dhiheessuu beeksise. 

Ogeessonni Miidiyaa, Artistootaa fi Namoonni Bebbekamoon Naannoo Amaaraa waarshaan simintoo Lammii Aanaa Insaarroo naannawa magaala Lamiitti ijaarame  daawwachaa jiru.

   Waarshaan Simmintoo lammii lammiilee kuma tokko ol ta’aniif carraa hojii uumuun kan ibsame yoo ta’u, babal’achuun Magaalaa Lammiis sababa guddaa misoomichaa ta’uun ibsameera.

Waarshichi baatiiwwan Jahan darbanitti Simintoo Kuntaala Miiliyoona 12 ol  ta’u  omishee gabaaf dhiheessuun isaa ibsameera.

Kanaanis gabaa tasgabbeessuu irra darbee gama konistiraakshiniitiin dadammaqinsa  qabatamaa uumuunsaa hubatameera.

Muummichi Ministiraa Dr. Abiyy Ahmad  Waarshaan Simmintoo Lammii Fulbaana 18/2017  Eebbisanii tajaajila eegalsiisuun isaanii ni yaadatama.

Waarshichi  Itiyoophiyaatti Isti Afriika holsingii fi chaayinatti westi  Internaashinaal  holding waliin shaarikaan  kan  ijaarane yoota’u guyyaatti Simintoo kuntaala  kuma 150  omisha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015