Itti Aanaan Muummicha Ministiraa Tamasgeen Xurunaa itti aanaa dura taa’aa koree biyyaalessaa gumii maree partii siyaasaa ummata Chaayinaa fi dura taa’aa Federeeshinii Industirii fi Daldalaa Chaayinaa waliin marii’atan - ENA Afaan Oromoo
Itti Aanaan Muummicha Ministiraa Tamasgeen Xurunaa itti aanaa dura taa’aa koree biyyaalessaa gumii maree partii siyaasaa ummata Chaayinaa fi dura taa’aa Federeeshinii Industirii fi Daldalaa Chaayinaa waliin marii’atan

Ebla 16/2017(TOI)- Itti Aanaan Muummicha Ministiraa Tamasgeen Xurunaa itti aanaa dura taa’aa koree biyyaalessaa gumii maree partii siyaasaa ummata Chaayinaa fi dura taa’aa Federeeshinii Industirii fi Daldalaa Chaayinaa Gaa’oo Yunlong waliin mari’ataniiru.
Itti Aanaan Mummicha Ministiraa toora Miidiyaa Hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin partii siyaasaa ummata Chaayinaa Itti Aanaa Itti Gaafatamaa fi Itti Gaafatamaa Industirii fi Federeeshinii Daldalaa Ga’oo Yunlong fi Jilasaaniin baga nagaan gara Itiyoophiyaa dhuftan jedhaniiru.
Itiyoophiyaa fi Chaayinaa gidduutti Invastimantii, Misooma Dinagdee fi walta’insa daldalaa jabeessuun haala dandahamu irratti, ittigaafatamicha waliin marii’achuusaanii ibsaniiru.
Itti aanaan itti gaafatama Ga’oo Yunlongi Itiyophiyaan hojiiwwan misoomaa hojjechaa jirtu dinqisiifachuu isaanii ibsaniiru.
Keessumattuu Magaalaan Finfinnee jijiiramuushee fi hojii milkaa’inaa argametti dinqisiifachuu isaanii himaniiru.
Itiyoophiyaan gama Invastimantiin Abbootii qabeenyaa Chayinaaf Mijattuu ta’uu fi haalaan kan hin jijijjiiramne hariiroo tarsiima’aa biyyoota lamaani gama Dinagdeen Caalaatti jabaatee akka itti fufuuf walii galleera jechuun ergaasaaniin dabarsaniiru.